Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2025-03-09
Magaalaa Adaamaatti Torbeen Haaromsa Aadaa Oromoo Agarsiisaan Kabajame.

Abbootiin gadaa fi haadholeen Siinqee saganticha eebbaan saaqan.  

Agarsiifni uffata aadaa godinoota Oromiyaa qeerroo fi qarree manneen barnootaa fi kilaboota ‘modeelingii'irraa walitti babbahaniin taasifameera. 

Aadaa fi duudhaa Ormdurii bu'uureffachuun aadaa walgargaaruu fi tokkummaan jijjiirama hundagaleessaaf oolchuun dhimma ijoodha jedhan ittigaafatamaan Waajjira Aadaa fi Turizimii magaalaa Adaamaa obbo Caalchisaa Magarsaa.  

Sagantaa kanaanis dhalootni haala qabatamaa irra jiruun walsimsiisee  milkeessuu haala itti danda'u hubachiifamuu ibsan.  

Aadaa fi safuu ormdurii   bifa bu'a qabeessummaa nuuf mirkaneessuun fayyadamuuf caalatti akka xiyyeeffannu sagantichi gahee olaanaa bahata jedhan hirmaattotni dubbifne.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4
News Image 5