Loading...
Haasawa baniinsaa kan taasisan itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa damee Aanaa Migiiraa obbo Abuubakar Abdurroo hojjiwwan bara 2018 gama misoomaa,siyaasaa,nageenyaa fi biroo keessatti hojjataman bu'aan olaanaan akka dhufuuf qoodni qaamoolee hawaasaa olaanaa waan ta'eef galata qabdu jedhan. Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Migiiraa obbo Isheetuu Galaasoo akka jedhanitti barii 2018 bara itti milkoofne filannoo seena qabeessa itti gaggeefame hojjilee misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan itti hojjataman,inisheetivota adda addaa ,galiin Aanichaa dachaan dabalee fi kannen biroo itti milkeesinee waan ta'eef jijiramnii kun akka dhufuuf qoodni hirmannaa hawasaa olaanaa dha jedhan.
Milkaa'inni raawwii bara 2018 argame Karoora of danda'uu bara 2019 milkeessufis caasaaleen mootummaa fi hawaasni aanichaa kutannoo agarsiise cimsee itti fufuu akka qabus dhaamanii jiru. Itti gaafatmaan ijaarsa paartii badhadhinaa damee kutaa magaalaa Lugoo obbo Wubishet Galaasoo ergaa dabarsaniin akka jedhanitti bara 2018 keesatti hojjilee karoorfamanii qiindoominaan socho'uun bu'aan akka dhufuuf gumaachii keessan olaanaa waan ta'eef karoora of danda'uu bara 2019 keessatti cimee itti fufuu qaba jedhan.
Sagantaa beekamtii fi galateefannaa akka Aanaa migiiraatti qamoolee hawaasaa gumaacha olaanaa taasisan abbootii qabeenyaa,dhaabbilee misoomaa adda addaa,seektaroota Mootummaa Aanichaa, waldaalee gara garaa, seektaroota raawwii hojii olaanaa galmeessan badhaasni fi beekamtiin kennameefi jira. Namoonni beekamtiin kennameef akka jedhanitti milkaayina hojjilee waliigalaa akka Aanichaati bara 2018 keessatti qooda isaanii bahuun gammachuun guddaa akka itti dhagahame ibsuun beekamtiin kennamees onnachiiftuu akka ta'uuf himan.