Loading...
Manni qopheessaa magaalaa Adaamaa yaadama magaalomsuu fi walitti hidhamiinsaa hojii qabatamaatti hiikuuf caasaa isaa sadarkaan jiruuf leenjii hubannoo cimsu kenne. Sagantaa leenjii kana haasawaan saaquun kaayyoo leenjichaa kan ibsan hoji gaggeessaa itti aanaafi itti gaafatamaa damee bu'uuraalee misoomaa mana qopheessaa magaalaa Adaamaa obbo Burrusee Roobaa magaalomsuun toora xiyyeeffannoo misooma magaalaati waan ta'eef caasaan mana qopheessaa sadarkaan jiru fedhii baadiyyaa magaalomuuf qabu simachuu qaba jedhan.
Leenjichi ogeeyyii biiroo misooma magaalaafi manneenii Oromiyaan kan kenname yoo ta'u maalummaafi barbaachisummaan magaalomsuufi walitti hidhamiinsaa muuxannoo magaalota idil addunyaa karaa bu'uureffateen kennameera.
Hoji gaggeessaa itti aanaafi itti gaafatamaan damee tajaajilaa mana qopheessaa magaalaa Adaamaa obbo Habtaamuu Gizaw leenjitootni waan leenji'an kana gara gocha qabatamaatti jijjiiruu akka qaban dhaaman. Hirmaattotni leenjichaa tokko tokkos leenjichi karoora hojii bara 2019 milkeessuuf humna guddaa nuuf ta'a jedhan.