Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2024-12-02
Wajjjiri carraa hojii uumuu fi ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Biiroo Carraa hojii uumuu fi ogummaa Oromiyaa waliin ta'uun leenjii Intarpiranarshiippii dargaggoota magaalichaaf kennaa jira.

Leenjiin kun kutaalee magaalaa 6'n irratti aanaalee hunda hirmaachise kennamaa kan jiru yoo ta'u, dargaggoonni kalaqaa fi Ogummaa qabanin  deeggarsa taasifameefii hojiitti galuun Intarpiranara hedduu uumuuf ta'uu ibsamera. 

Itti gaafatamaan wajjirra carraa hojii uumuu fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Abdulqaadir Xayyibuu, dargaggoota baratanii carraa hojii dhabanif leenjii kennaa jiraachuu himani, hoji dhabaa kuma 3 oliif kennamaa jirachuu himan. 

Dargaggoonni carraa argatan kanatti fayyadamuun hojiidhaaf of qopheessuu fi of jijjiruu akka qaban obbo Abdulqaadir dhaamaniru. 

Gorsituun Biiroo carraa hojii uumuu fi ogummaa Oromiyaa Addee Zamanayi Hayiluu, akka naannoo Oromiyaatti leenjiin kun kennamaa jiraachuu ibsun, dargaggeessi hubannoo argatee dinagdeen akka of cimsuuf ogummaa qabuun gurmeessuun hojiitti akka galuuf kan hojjachaa jiran ta'uu himaniru.


News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4