Loading...
Hoggansi Magaalaa Adaamaafi Abbootiin Gadaa,Haadholiin Siinqeefi Abbootiin Amantaa Qaammee 2 Guyyaa Olka'iinsaa Sababeeffachuun Marii Paanaalii Taasisaa Turan Qe'ee Andoodee 2ffaafi Buufata Konkolaataa Qindaa'aa Daawwatan.
Pirojektoonni gurguddoon fayyadamummaa ummataa olkaasuun biyya fuulduratti fidan yaadama ida'amuutiin humna,maallaqaafi beekumsa walitti ida'uun galmoota Magaalaa Adaamaa kurnan milkeessuun olka'iinsa biyyaa mirkaneessan akka Magaalaa Adaamaatti hojjetamaniiru.
Sirna Oomishaa ammayyeessuu,akaakuu Qonnaa baay'isuun inisheetivoota hojiirra oolchuun Invastimantii 1900 ol simachuun Fudhatamummaa oomishaa dachaadhaan dabaluun humna namaa gahumsa qabuun kalaqaafi ogummaa guddisuun indastirii godoo bu'uura indastirii gurguddaa ta'an cimsuun akkasumas ragaalee dijitaalayizd gochuun karaa amanaiisaa ta'een qabachuu,siistamoota uumuufi kan uumametti gahumsaaan fayyadamuu,data center hojjechuun hirkattummaarraa bahuu,
Humna namaa ogummaan gahoomee tekinoolojii dhufe qofatti kan fayyadamu osoo hin taane haaraa uumuu kan danda'u uumuuf humna namaa fayya qabeessa ta'e uumuufi Leenjiiwwan gara garaa kennuun humna namaa beekumsa qabu horachuuf hirkattummaa faayinaansii jalaa bahuuf Galii Magaalaa guddisuun Qarshii bil.20 ol walitti qabameera,Aadaa qusannaa cimsuufi liqii kennuun Dargaggoota jajjabeessuun hojiin guddaan hojjetameera.
Kanaaf kallattii fuulduraatiin Hojidhabdummaa xiqqeessuun,Qaala'iinsa gabaa tasgabbeessuun, Nageenya waaressuu, Kenna Tajaajilaa qulqullinaan Itti fufsiisuu,Rakkoo bu'uuraalee misoomaa hiikuun injifannoowwan Olka'iinsaa jalqabaman daran Itti fufsiisuu qabna