Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-30
Magaalaa Adaamaatti Kutaan Magaalaa Dambalaa tajaajila lamummaa gannaan maatii harka qalleeyyiif deeggarsa eelee biddeenaa,meeshaalee barnootaa fi maaddii qooduu taasise.

Deeggarsichaan dabtara,qalama,irsaasii,boorsaa fi eeleen buddeenaa yoo kennamu sagantaan maaddii qooduus taasifameera. Hoji raawwachisaan ol'aanaa  kutaa magaalaa Dambalaa obbo Yimanuu Tashoomaa akka kutaa magaalichaatti tajaajilli lamummaa gannaa cimee itti fufuu himanii sagantaa kanaan barattoota maatii harka qalleeyyii 3000 oliif deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifamuu ibsan.

Gama biraatiin haadholii gurmeessuun eelee buddeenaa raabsuu fi manguddootaaf maaddiin qoodamuu himaniiru.

Saganticharratti kan argaman Itti aanaan kantibaa fi itti gaafatamaan damee diinagdee magaalaa Adaamaa Dr Maatiwoos Sabboqaa tajaajila lamummaa gannaa mootummaan labse iŕratti hundaa'uun magaalichi hojilee maatii harka qalleeyyii fayyadamoo taasise hedduu hojjeteera jedhan.

Deeggarsi har'a taasifamees dhaloota egeree barnootarratti jajjabeessuu ,haadholii diinagdeen utubuu fi aantummaa mootummaan hawaasaaf qabu mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himan.

Barattoonni fi maatiin deeggarsa argatan yaada ABS'f kenanniin deeggarsa isaaniif taasifameetti gammadoo ta'uu himanii qaama deeggarsa taasise galateeffataniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4