Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-21
Magaalaa Adaamaatti kutaan magaalaa Dambalaa qaamolee raawwii hojii bara 2018 keessatti milkaa'ina olaanaa galmeessaniif beekamtii kenne.

Saganticha irratti hoggansii magaalaati haga Aanaatti jiranii fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru. Beekamtiin kun waajjiraalee, dhaabbilee dhuunfaa, dhaabbilee Amantaa, caasaalee nageenyaa fi qooda fudhattoota biroo milkaa'ina hojiilee misoomaa fi nageenyaa bara 2018 keessatti shoora bahataniif kenname.

Hojii raawwachiisan olaanaa Kutaa magaalaa Dambalaa obbo Yimanuu Tashoomaa galmoota gurguddoo akka magaalaatti qabaman milkeessuuf qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun hojii hojjetameen gama diinagdeef hawaasummaan bu'aan olaanaa akka kutaa magaalichaatti galmaa'eera jedhan. Fuuldurattis karoora of danda'uu qabame milkeessuuf hunduu gahee akka bahatu waamicha dhiyeesaniiru. Kantiibaan itti aanaa fi qindeessaan kilaastara diinagdee magaalaa Adaamaa Dr. Maatiwoos Sabbooqaa hojii jiruuf jireenya uummataa jijjiru hojjechuun magaalattiin tarkaanfii dheeraa deemteetti jedhan. Yaadama magaalomsuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin hojjetame kutaa magaalaa Dambalaa keessatti qabatamaan mullateera jedhan. Bara dhufu humna magaalaan qabu sakkataa'uun kana caalaatti kutannoo cimaan hojjechuu murteessaa ta'uus dhaamaniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4