Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-08
Komishiniin Gumurukaa Damee Adaamaa, Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Kallachoo keessatti barattoota maatiin isaanii haala jireenyaa rakkisaa keessa jiranitti deeggarsa meeshaalee barnootaa taasise.

Deeggarsi kun barattoonni rakkoo diinagdee keessa jiraachuun hanqina meeshaalee barnootaatiin barnoota isaanii irratti dhiibbaa akka hin uumamneef, akkasumas barnoota isaanii haala gaariin akka itti fufsiisan taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Manni Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Kallachoo kun Komishinii Gumurukaatiin kan ijaarame yoo ta’u, hojii baruu fi barsiisuu bara darbe eegalchiisee jira. Kutaan mana barumsichaa yaalii barnootaaf oolu ijaarsa keessa ture xumuramuun yeroo ammaa tajaajilaaf banaa taasifameera.

 Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Kutaa Magaalaa Daabee Obbo Fayyisaa Lammii Komishiniin Gumurukaa mana barumsaa ijaaruu fi barattootaaf meeshaalee barnootaa deeggarsa gochuun gahee isaa hawaasa keessatti bahachaa jiruuf galateeffataniiru.

Kutaa Magaalaa Daabee keessatti mana barumsaa bu’uura boruu ijaaruun, barattoonni bifa ammayyaa ta’een barachuun dhaloota borii biyya ijaaru horachuuf carraa gaarii uumamuu himaniiru. Hojiin kun yaada qofa osoo hin taane, hojii qabatamaan dhugoomaa jiraachuu ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Magaalaa Adaamaa, Obbo Darajjee Tasfaayee, rakkoolee gama barnootaatiin mul’atan furuuf Komishiniin Gumurukaa Damee Adaamaa gahee bahachaa jiruuf galateeffataniiru.

Barnoota qulqullina qabu milkeessuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane, dhaabbileen dhuunfaa fi hawaasni bal’aanis mootummaa waliin ta’uun qooda isaanii bahachuu akka qaban Obbo Darajjeen ibsaniiru.

Komishiniin Gumurukaa Damee Adaamaa gama isaatiin hojiiwwan qulqullina barnootaa mirkaneessuu fi barattoota haala jireenyaa rakkisaa keessa jiran deeggaruu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsuun kanaan cinattis komishiniin Kun Kutaa yaalii barnootaaf oolu hojjechiisee jiraachuu ibsaniiru .

Komishinii Gumurukaatti Itti Gaafatamaan Waajjira Gumurukaa Damee Adaamaa, Obbo Mangistuu Baalchaa, Komishiniin Gumurukaa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Kallachoo bara darbe ijaaree hawaasaaf dabarsuu ibsaniiru.

Bara kana Magaalaa Adaamaa keessatti barattoota kuma 2’f deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisanii jiraachuu ibsaniiru.Guyyaa har'aas barattoota kallachoo sadarkaa 1ffaa kallachoo maatiin isaanii harka qalleeyyii ta'aniif deggersa meeshalee barnootaa taasisuun Kutaa yaalii barnootaaf oolu hojjetamaa ture xumuruun Tajaajilaaf banaa taasifameera jedhan. Hojii kana keessatti qooda kan fudhatan galateeffataniiru . Komishiniin Gumurukaa hojii isaa idilee cinaatti hojiiwwan tajaajila lammummaa fi hawaasa deeggaran iddoowwan adda addaatti hojjechaa jiraachuu Obbo Mangistuun ibsaniiru.

Barattootni fi maatiin barattootaa deggersi taasifameefis deggersa argatanitti gammaduun qaamoolee deggersa taasisaniif galateeffataniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4