Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-07
Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, Kutaa Magaalaa Daabeetti leenjiin hubannoo qe'ee qonnaan bultootaa haaromee irratti xiyyeeffate hoggansa Sadarkaan jiraniif kennamaa jira.

Leenjiin hubannoo qe'ee qonnaan bultootaa kun mata dureelee gara garaa irratti kennmaa kan jiru yoo ta'u guyyaa har'aa ' Haaromee Mootora Cehuumsa Baadiyyaa Oromiyaati,'mata duree jedhuun kutaa magaalaa Daabeetti kennameera.

Leenjiicharratti argamuun Viidiyoo ijaarsa Qe'ee Qonnaan Bultootaa irratti xiyyeeffatuu fi Sadarkaa Naannootti qophaahee dhihaate irratti ibsa kan kennan  Itti gaafatamaa ijaarsa paartii badhaadhinaa Magalaa Adaamaa Obbo Aadam Faqoo qabsoo bilisummaa siyaasaa gara qabsoo bilisummaa diinagdeetti ceesisuuf Mootummaan Naannichaa Kutannoo olaanaan hojjachaa jiraachuu kaasuun,

Madda diinagdee biyya keenyaa kan ta'e Qonnaan Bulaan qe'ee isaa irraa osoo hin fagaatin tajaajila magaalaa irraa argatu akka argachuu danda'u taasisuu fi  qe'ee qonnaan  bulaa haaromee  ijaaruun  giddu gala ammayyaa fi diinagdee akka ta'u hojii hojjatamuuf hubannoo hoggansa  Sadarkaan jiranii dabaluun murteessaa ta'uu eeran. 

Ergaa dabarsaniinis, hoggansi amma leenji'aa jiru hubannoo amma argate kana hawaasa bira qaqqabsiisuun karooraa fi kallattii akka naannootti taa'ee jiruuf  jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuu qabame galmaan akka gahan dhaaman.

Hoji raawwachiisaan kutaa Magaalaa Daabee Obbo Fayyisaa Lammii Leenjiin kennamaa jiru hoggansa Sadarkaa Kutaa magaalaa hanga Zooniitti jiruu kan kennamaa jiru ta'uu kaasuun, kaayyoon leenjichaa ijaarsa Mana qotee bulaa Haaromee hojjatamaa jiru akkaataa kamiin yeroo kaahametti  keessaa bahuu akka dandeenyu kan nutti agarsiiseedha jechuun dubbatan.

Itti dabaluun yaada kennaniin, bara 2018titti qe'ee qonnaan bulaa 375 ijaarreerra. Bara itti Aanutti Manneen qotee bulaa 600 ijaaruuf karoorri jiraachuu himan. 

 Hirmaattonni leenjiitti qooda fudhatan gama isaaniin Leenjiin argatan hubannoo ijaarsa haaromee irratti qaban kan gabbiseef ta'uu kaasuun,qe'ee Qonnaan bulaa bifa ammayyaan ijaaramaa jiru saffisaa fi qulqullina barbaadamuun hojjachuuf kan isaan kakaase ta'uu eeran.

Leenjichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta'u, Mata dureelee ' Sossochii misooma Ogummaan of danda'uu fi Baay'ina leenji'aa irraa gara bu'a qabeessummaatti.' jedhuunis  guyyaa boruu kan itti fufu ta'uu  odeeffanne.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 5