Loading...
Magaalaa Adaamaatti guyyaa Omishtummaa sababeeffachuun Agarsiisni, Baazaarii, fi Egzibiishiniin omishaalee qonnaa fi industiriiwwanii qophaa'e ifatti banameera. Bazaariif Egzibiishiniin kunis walta'iinsa "Adama Investment Group(AIG) fi Waajjira Daldalaa magaalaa Adaamaatiin yoo ta'u omishaaleen qonnaa, industiriiwwanii, fi daldalaa dhiyaatanii ayyaana bara haaraaf akka shamatamanii fi daawwatamaniif kan saaqameedha.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee omishaaf omishtummaa baay'inaa fi qulqullinaan dabaluu omishuudhaan of danda'uu akka qabnu dhaamanii baazaarii fi egzibiishinii kanaan raawwii hanga ammaatiin hangam jijjiiramni akka dhufee fi karoora of danda'uu qabanneen tajaajila mootummaa, qonna magaalaa,
humna namaa, baay'inaa, fi qulqullinaan fooyyessuun milkeessuuf kan hojjetamu ta'uu eeraniiru.
Hoggantuun Biiroo Daldalaa Oromiyaa Dr. Yeshii Jimaa Omisha omishneef walitti hidhamiinsa gabaa uumuu fi cancala gabaa biyya keenyaa keessa kallattiidhaan akka galu gochuuf agarsiisni baazaarii fi egzibiishinii kun gahee olaanaa waan qabuuf qaamni dhimmi ilaalu hundi gahee olaanaa taphachuu akka qaban dhaamaniiru.