Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-04
Waajjirri Pilaanii fi Misooma Magaalaa Adaamaa ogeeyyii karooraa fi hoggansa sektaraalee sadarkaan jiraniif leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu kenne.

Leenjichi walta'iinsa Yunivarsitii naannoo Oromiyaatiin kan qophaa'e yoo ta'u mata duree hoggansa karoora bulchiinsaa fi hordoffii karooraatiif qoopheessuu jedhuun ogeeyyii karooraa fi hooggansi  sadarkaa Magaalaa, kutaalee magaalaa fi Aanaalee  jiraniif kenname. 

Sektaroonni magaalaa Adaamaa hojii qabatamaatti galuun bu'a qabeessummaa mirkaneessuu, karoora misoomaa waggaa dheeraa karoorsuu, diingdee, hawaasummaa, misooma lafaatiif dijiitaalaatiin walitti hidhamuun ce'umsa jaarmiyaalee  mirkaneessuuf leenjichi kan qophaa'e ta'uu itti gaafatamaan waajjira pilaanii fi misooma  magaalaa Adaamaa obbo Adunyaa Badhaadhaa himan.

Guddinni fi jijjiiramni olaanaan magaalattiitti galmaa'aa  jiru caalatti akka itti fufuu sektaroonni ergama mana hojii isaanii galmaan gahuuf karooraan hoogganamuu qabus jedhan.

Yunivarsiitii naannoo Oromiyaatti qorataa gorsaa fi leenjisaa kan ta'an obbo Mabiraatuu Kabbadee gamasaaniin karoorri qophaa'u bu'aa irratti xiyyeeffachuu qaba jedhan. 

Waggoottan shanan dhufan keessatti akka biyyaatti karoora qabamee milkeessuuf hojilee bu'aan gaarii irratti galmaa'an akka muuxannootti fudhachuun bu'a qabeessummaa karooraa irratti hojjechuun murteessaa ta'uu dhaaman.

News Image 1
News Image 2
News Image 3