Loading...
Aanichaatti manneen hojii mootummaa keessatti raawwiin hojii Mootummaa fi misooma sadarkaa itti raawwatame giddu galeessa taasifachuun sirni beekamtiifi galateeffannaa kun gaggeeffame.
Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Dirree Nagahaa Obbo Abdulqaadir Siraaj haasawa taasisaniin barrri 2018 bara aarsaa hojii milkeessuu heddu itti kafalleedha jedhanii aanota magaalichaa 19 keessaa aanaa sadaffaa bahuunis aanaa badhaafame tahuu himaniiru.
Kunis ifaajee hawaasa aanaa dirree nagahaatiin kan jedhan Obbo Abdulqaadir hojii fuulduraa keenyas caalmaan milkeessuuf karoora of danda'uutiin milkeessuuf hojjachuu qabnaa dhaaman .
.
Itti Aanaa Hoj-raawwachiisaa Kutaa Magaalaa Luugoo Obbo Biiftuu Ifaa sirna kanarratti argamuun akka dubbatanitti hojiiwwan misoomaa hojii fayyadamaa hawaasa keenyaa mirkaneessaa as gahaniidha jechuun ragaa bahanii
Gama hojiiAbbaa qabiyyummaafi shinshaanoo lafaatiinis aanicha kanatti gaafii hawaasaa deebisuun qindoominna hooggansaan dabaalamuu dabalanii kan eeran,karoora of danda'uu 2019 tis waldhageettiifi eeggattumaa malee akka milkeessan ergaa dabarsaniiru Obbo Biiftuun .
Qooda fudhattoonni milkaa'inna kana keessatti shoora taphatanis gama isaaniitiin karoora qabatan harcaatii maleefi qindoominnaan hojitti hiikuun badhaafamaaf qaqqabuu dubbataniiru. .xumurarratti qooda fudhattootaafi dhaabbilee gahee ol'aanaa taphataniif sirni badhaasaafi beekkamtii kennamuufiin galateeffataniiru Madiinaa Jaarsoo