Loading...
Leenjichaan barreeffamni gabaabaan hubannoof tahu dhiyaateeti jira. Barreeffamichaanis safuun walitti dhufeenya Uumaafi Uumamaa kan qajeelchu akka taheefi namni kamiyyuu aadaafi duudhaa isaa tikfachuuf safuu sirnichi qabuun akka masakamu eerameera barreeffama hubannoof dhiyaate keessatti
Itti gaafatamaan Waajjira Aadaafi Turizimii Obbo Caalsisaa Magarsaa kayyoon leenjichaa Sirna Gadaa irratti kan tiyyeeffate akka tahe himaan. Sirnichaan ummatichii Diinagdee ofii cimsuu cinatti,tokkummaa ofii jabeeffachuun sirnicha tiksee akka dhaloota dhaalchisu eeran.
Sirni Gadaa keenya sirna guddaadha jechuun kan dabalanii ibsan obbo caalsisaan, yeroo Oromoon waggaa sadde saddeetiin wal harkaa baallii fuudhun sirna dimokiraasii addunyaatiif bu'uura tahe dhalootaaf dabarsu tahuus dubbataniiru . Haaluma kanaan Oromoofi Uumaan adda hin bahu jechuunis kan kaasan Ummanni Oromoo guutuun Uumaafi uumama isaa galateeffachuun aadaa,fi duudhaa akkasumas safuu ummatichaa tiksee dhalootaaf akka galaa taasisu
Miseensota Gummiiwwan Abbootii Gadaafi Haadholii siinqee keeessaas kanneen dubbisne gama isaaniitiin sirna gadaa safuun guutame Aadaafii duudhaa,akkasumas safuu hayyoota keenyaa nu dursan irraa dhaalle, karaa safuu isaa eegeen dhaloota dhaalchisuuf hojjachaa jirra jechuun dubbataniiru..