Loading...
Deeggarsi kun hojiiwwan waajjiraalee kanaa saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuu, akkasumas tajaajila carraa hojii uumuu fi ogummaa hawaasaaf kennamu daran fooyyeessuuf gahee olaanaa qabaachuun ibsameera. Meeshaaleen kompiitaraa fi pirinterii kunneen wiirtulee carraa hojii uumuu fi ogummaa aanaalee saddeetiif qarshii miliyoona 1.25n bitamuun deeggarsi taasifame.
Sagantaa deeggarsa meeshaalee kanaa irratti Daarektarri SOS Children’s Villages Ethiopia Naannawaa Finfinnee, Obbo Andu'aleem Geetaachoo, dhaabbatichi dargaggootaa fi daa’imman ogummaa fi dinagdeen gahoomsuuf hojiiwwan gurguddoo iddoowwan garaagaraatti hojjechaa jiraachuu ibsan.
Guyyaa har'aa immoo Deeggarsi deggersa meeshaalee compiteraa fi pirinterii taasisuu ibsan.innis tajaajila carraa hojii fi ogummaa Magaalaa Adaamaa keessatti kennamu fooyyeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsan.
Qindeessaan Pirojeektii STEP Kilaastera Adaamaa kan ta’an Obbo Ashannaafii Sintaayyoo, deeggarsi kun hojiiwwan wiirtulee carraa hojii uumuu fi ogummaa keessatti raawwataman saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Waajjira Kantiibaa Magaalaa Adaamaa bakka bu’uun saganticharratti kan argaman Obbo Aschaalew Asaffaa, tumsi dhaabbatn SOS Children’s Villages itiyopiyaa taasuse Kun tajaajila hawaasaaf kennamu fooyyeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Deeggarsi meeshaalee kompiitaraa fi pirinterii kunis Wiirtulee Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa aanaalee saddeetii keessatti tajaajila kennamu caalaatti ammayyeessuu fi hawaasaaf tajaajila gahumsa qabu dhiyeessuuf kan oolu ta’uu ibsuun dhaabbaticha galateeffataniiru.
Deggersichaan cinattis daa'immaaniif firaashiwwan fi meeshalee addaa addaa gumaachaa taasiseera. Qaamooleen Wiirtulee carraa hojii uumuu fi ogummaa bakka bu'uun deggersicha dhaabbaticha irraa fuudhanis meeshalee argatan galtee hojii isaaniif Bu'aa akka qabu ibsuun dhaabbata SOS galateeffatan.