Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-28
Waajjirri Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa ogeessota waajjira Pireezdantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa affeeramaniin

,hojjetoota kenna tajaajila iddoo tokkoo 'MESOB' Adaamaa fi qooda fudhatoota biroof leenjii dandeettii raawwachisummaa cimsuu kennaa jira. Itti gaafatamaan waajjira kantiibaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa kab.obb.Bariisoo Doorii haasawa baniinsaa taasisaniin" leenjiin amma kennamu kun murteessaa ta'uu isaa ibsuun,qooda fudhattoonni kun leenjicha sirritti hordofee,ofiifis hojii irra oolchuu fi kanneen biroos leenjisuun,karoora of danda'uu bara kanaa qabanne gama hundaan milkeessuu qabna,kana karaa caaluun hojii irra oolchuuf leenjiin yeroo,yeroon humna dandeettii keenya cimsachaa deemuu qabna" jechuun ibsanii jiru. 

Leenjicharratti hojjettoonni kenna tajaajila iddoo tokkoffaa'MESOB',Itti gaafatamtoonni waajjira bulchiinsaa Kutaa magaalaa hanga Aanaa jiran ,oggeeyyiin komii fi iyyannoo sadarkaan jiran fi fookaal parsanota hirmaataniiru.

Kaayyoon leenjichaa kenna tajaajilaa dhaqqabamaa,si'ataa fi qulqullina qabu uummata biraan gahuuf dandeettii fi hubannoo oggeessootaa cimsuuf akka tahee ibsameera. Waajjira Pireezdantii Naannoo Oromiyaattii Daariktarri Dhimmoota Bulchiinsa Iyyannoo fi Komii Uummataa obbo Taammiraat Hordofaa akka naannichaatti kenna tajaajila iddoo tokkoo 'MESOB' hundeessuun cinaatti kaayyoo hundaa'eef galmaan gahaa jiraachuu hordoffii fi deeggarsi itti fufiinsaa taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Kenni tajaajila 'MESOB ' hawaasaaf tajaajila yeroo isaa eeggate fi qulqullina qabu dhiheessuun baasii fi komii hir'isee amantaa uummanni mootummaarrattii qabu dabaleera jedhan.

Oggeeyyonni seera fi hojimaata gama kanaan kaahamerratti hundaa'uun tajaajila ammayyaa fi dhaqqabamaa ta'e abbootii dhimmaaf kennuu akka qaban dhaamaniiru. Hirmaattonni leenjichaa gama isaaniitiin leenjichi sirna keessumeessaa fi kenna tajaajila abbaa dhimmaa fooyyessuu haala danda'an irratti hubannoo cimsuufii himan.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4