Loading...
Itti gaafatamaan Abbaa Taaytaa Eeggumsa Naannoo Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Gammachuu Mokkonan haasawa taasisaniifi Kaayyoo Waltajjii Marichaa ibsaniin Marsaawwan darban kutaalee hawaasaa garagaraatiif hubannoo kennaa turuu himanii,waltajjii guyyaa har'aatiinis Qabiinsaafi Dhabamsiisa Keemikaalota Hamoo Gataa Elektirooniksii irratti hubannoo uumuufi mari'achuuf tahuu waltajjii barbaachise tahuu isaa himan.
Obbo Gammachuun hubannoo marii kanaatiinis qaamni hunduu hubannoo kana hojiitti hiikuun Itoophiyaa qulqulluu,Oromiyaafi Adaamaa Qulqulluu dhaloota Dhaalchisuuf akka hojjachuu qabanis dhaamaniiru.
Waltajjii Mariifi Hubannoo kanarratti hayyoonni,yuunivarsitii,Barsiisonnii,Ogeeyyonni Industirii garagaraa,Ogeessonni humna Ibsaafi Ogeessonni Suphaa Meeshaalee elektirooniksiifi kanneen dhimmichi ilaallatu hundi kan irratti argaman yoo ta'an waltajjii kanaanis haala Qabiinsaafi Dhabamsiisa Keemikaalota Hamoofi Gataa Elektirooniksii irratti hubannoo uumuuf tahuu barreeffama hubannoof dhiyaateen hubatameeti jira.
Itti gaafatamaan waajjira kantiibaa Obbo Bariisoo Doorii waltajjii kanarratti ergaa isaaniitiin,akkuma teknolojiin baay'ataa deemuu yoo itti fayyadamiinsa isaa sirritti hin hubatamin miidhaa kan qaqqabsiisu tahuu kan eeran ,meeshaalee eleektiroonikisii fi kannen biroos itti fayyadamiinsa saa baruun fayyaa keenya eeggachuu qabnaan ergaa isaanii dabarsan.
Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaatti Bakka Bu'aa kan ta'an Obbo Sintaayyoo Bafiqaaduu marii kanarratti argamuun kallattii fuulduraa kennaniin kanaan dura haalli qabiinsaa fi gatiinsa balfa gama kanaan jiruu irratti hubannoon jiru laafaa turuu kaasuun miidhaa gama kanaan dhufu hambisuuf hunduu gahee isaa akka bahatu kallattii kaa'an..
Qooda fudhattoonni waltajjichaas yaadni hubannoof dhiyaate gaarii tahuu ibsanii gahee isaan irraa eeggamu kan bahatan tahuu himan.