Loading...
Haaromeen tajaajilaa fi ammayyummaa gara qe'ee Qonnaan bultootaatti babal'isuudhaan hawaasni baadiyyaa jireenya fooyya’aa akka qabaatu, baadiyyaan iddoo oomishaa qofa osoo hin taane jiddu gala inisheetiviiwwanii fi carraan hojii baldhaa itti argamuti caasisuudhaan ce’umsa baadiyyaa roga hundaan mirkaneessuuf hojiiwwan hojjatameedha.
Haaromeen Inisheetivii Haaraa jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuu, omishtummaa guddisuu, galii maatii dabaluu fi baadiyyaa giddugala badhaadhinaa fi guddinaa taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Paartiin Badhaadhinaa yaadama haaraa qabatee ba’uun, qe’ee qonnaan bultootaa jijjiiruu fi cee’umsa siyaasaa, hawaas-dinagdee fi misoomaa dhugoomsuuf imaammataa fi innisheetivoota haaraa qopheessuun hojii irra oolchaa jira.
Kaayyoon Innisheetivii Haaromee kun baadiyyaa sirnoota darban keessatti hanqina xiyyeeffannoo, misoomaa fi karoora yeroo dheeraa irraa kan ka’e duubatti hafte, yaada haaraa, ogummaa, teeknooloojii fi karoora yeroo dheeraa irratti hundaa’uun gara sadarkaa jireenyaa fooyya’aatti ceesisuudha.
Baadiyyaan keenya qonna qofa irratti kan hundaa’e osoo hin taane, giddugala oomishaa, hojii uumuu, daldalaa, industirii fi carraa invastimantii ta’uu qaba. Kanaaf, Innisheetivii Haaromaa fi Misooma Ogummaa hojiirra oolchuun qonnaan bultootaaf carraa haaraa uumuun, oomishtummaa fi galii isaanii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira.
Leenjichi hubannoo hoggantootaa cimsuun, Innisheetivoota Haaraa fi Misooma Ogummaa gara hojii qabatamaatti jijjiruun dandeettii raawwachiisummaa cimsuurratti xiyyeeffatee kennamee jira.