Loading...
Maricharratti hooggantoonni , hojjettoonni fi oggeeyyiin baankiwwaan garagaraarraa hirmaataniiru. Itti aanaan kantibaa fi qindeessaan damee diinagdee magaalaa Adaamaa Dr Maatiwoos Sabbooqaa kaayyoon marichaa karoora of danda'uu magaalichi qabate dhugoomsuuf dhaabbileen faayinaansii gahee isaanii beekanii tumsa irraa eegamu taasisuu akka qaban hubachiisuufii jedhan.
Dhaabbileen faayinaansii lafee duugdaa diinagdee magaalichaa tahuu himanii kana hubannoo keessa galchuun hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. Maricharratti karoorri of danda'uu bara 2019 gama hundaan magaalichi qabate kan dhihaate yoo ta'uu gama diinagdeetiin qonna magaalaa babal'isuu, misooma invastimantii ,daldalaa fi gabaa guddisuu irratti karoorri bal'aan qabamuu ibsameera.
Hirmaattonni yaada maricharratti kaasaniin magaalattiin yeroodhaa gara yerootti jijjiirama qabatamaa mul'isaa jiraachuu himanii itti fufiinsa isaaf qooda keenya ni baana jedhan. Hojiilee diinagdee magaalichaa cimsan aadaa qusannaa cimsuu,giddu galaa gabaa babal'isuu fi daldala seeraan alaa hanbisuu irratti mootummaan xiyyeefatee hojjetuu akka qabu gaafataniiru. Itti gaafatamaan waajjira kantibaa magaalaa Adaamaa obbo Bariisoo Doorii akka magaalichaatti dhaabbilee faayinaansii cimsuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamuu himanii fuuldurattis karoora qabame milkeessuuf qindoominaan ni hojjennaa jedhan.