Loading...
Waajjirri Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa qaamolee gara garaa hirmaachisuun meeshaalee bu'uuraa nyaata barattootaaf oolu mana barumsa sad.1ffaa #Burqaa_Bokkuutiif arjoomeera.
I/G Paartii Badhaadhina Magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa paartiin badhaadhinaa namarratti kan xiyyeeffatu dhalli namaa uumama kamuu caalaa murteessaa ta'uu ibsanii deeggarsa namoomaa waajjirri kominikeeshinii taasisaa jiru fakkeenyummaa olaanaa waan qabuuf galateeffachuun duudhaa oromummaa fi aantummaa ummataa hoggantuun waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Adaamaa taasisan hoggansaa fi qaamolee hawaasaa hunda keessatti akka babal'atuu fi badhaadhinni mana mana keenya galuu akka qabu dhaamaniiru.
I/G Waajjira Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa fi Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatti bakka buutuun ummataa Aadde Amiinaa Inkushii qaamolee gara garaa hirmaachisuun nyaata barattootaa barattoota Mana Barumsa Burqaatiif bara 2017'f oolu bakka hoggansi magaalaa, kutaa magaalaa, fi mana barumsichaa argamanitti arjoomeera jechuun dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa deeggarsa kanarratti hirmaatanis galateeffataniiru.