Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-18
Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti mariin Dafqaan Bultootaa hirmaachisee hojii waggaa shanan darban hojjetame fi karooraa of danda'uu bara 2019irratti gaggeeffame.

Hirmaattooni sagantichaa hojjettootaa warshaalee adda addaa,Hooggantootaa magaalaa fi kutaa magaalaarra argaman yoo tahuu, nageenyummaa Industirii mirkaneessuun oomishaa fi oomishitummaa dabaluu kan jedhuu Dhaadannoo marichaati. 

Itti Gaafatamaan dhimmaa Hojjetaa  fi Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Ashaanaffii mosiisaa keessummoota waltajjichaa simachuun haasawaa baniinsaa taasisaniin guddinni kan mirkana'uu qonnnarraa gara Industirii yoo cee'uun danda'ameedha,haala kamiin qindoominaa jiruu cimsuun hanqinaalee  jiruu hambisuun ciminaa galtee godhachuudhan karooraa of danda'uu bara 2019 milkeessuun danda'amaa isa jedhurratti  hawaasa hundaa hubachisuun barbaachisa tahee waan argameef sagantaa kana qopheessine jedhan. 

hirmaattooni yaada kaasan keessa

Hawaasummaan  rakkoon hojjetaa maalii haali kabaja mirgaa maal fakkaataa jechuun nuu gaafate hin beekuu fooyyeessuu qabu Jijjiramni magaalaafi haali nageenyaa jiruu hojiin ragaa bahaa mindaan warshaalee keessatti nuuf kaffalamuu gahaa miti xiyyeeffannoon barbaachisadha jedhan. 

Jijjiramni magaalaa Adaamaa waggaa shanana keessatti mul'ate gaariidha cimee itti fufu qaba,hojjettooni warshaalee adda addaa keesaa hojjecha jiran sababa ijaarsa seeraan alaan diigame bu'uura taasisuun kiraan mana baay'ee ol kaa'ee  jira qarqaraa magaalaa    jiraachuun hojii hojjechurratti rakkoo cimatu jira mootummaan xiyyeeffannoo laachuu qaba jedhan.

Itti Gaafatamaa Siyaasaa paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa obbo soorechaa Asffaa  isiin utubaa biyyaatti kunis beekumsa qabdanifi waadaa galatan bu'uura godhachuudhan oomishaafi oomishitummaan guddina biyyaa milkeessuuf halkan guyyaa hojjechaa jirtuu galata guddaa qabduu jedhan. 

Kaayyoon mootummaa Industirii adda addaa keessatti innisheetivii misoomaa qonnaa babal'isuun warshaalee keessatti kuduraaleefi muduraaleen akka oomishaman taasisa jira kan caalaa wal utubuun hojjehuu qaban jedhan. 

hundii keenyaa kutannoo fi murannoon hojii tuffachuu dhiisuun halkan guyyaa hojjechuu, aadaa hojii ammaa jiruu fooyyeessuun sa'aatti dheeraa fi maatii hundii hojirratti hirmaachuu badhaadhina jalqabame mana hundaa galchuu qabduu jedhan.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4