Loading...
Itti Gaafatamtuu Komishinii Turizimii Magaalaa Adaamaa Aadde Sa'aadaa Kuluu yaada kennaniin Sagantaa guddaa ashaaraa magariisaa akka biyyaatti adeemsifamaa jiruun kan wal qabatu Adaamaa bosoneessuufi karoora akka Magaalaa Adaamaatti qabame milkeessuufi Biqiltuu dhaabuun iddoowwan hawwata turizimii miidhagsuun hawwattummaa isaanii daran dabaluuf kan kaayyeffate ta'uu eeruun qaamolee kallattiidhaan hojii Komishinii Turizimii waliin walitti hidhata qabaniifi Hojjettoota Galma Abbaa Gadaa hirmaachisuun biqiltuu gara garaa dhaabuu kaasaniiru.
Dabalataanis biqiltuu Paarkiiwwan keessa dhaabuun filatamummaa paarkiwwanii kan dabaluufi yeroo yeroon biqiltuuwwan gara garaa dhaabuun kunuunsuun Karoora Adaamaa bosoneessuuf qabame galmaan gahuu keessatti gahee guddaa kan qabuudha jedhaniiru.