Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-06
Dorgommiin Shaampiyoonaa Gareewwanii Kubbaa Saaphanaa Gannaa 3ffaan Magaalaa Adaamaatti Gaggeeffamaa Ture Xumurame.

Waajjira Dhimma Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Adaamaatti Dursaa Garee Barnoota Leenjii Waldorgommii Ispoortii Obbo Jaallataa Margaa yaada kennaniin dorgommiin kubbaa Saaphanaa dorgommiiwwan Ispoortii 16 akka Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Adaamaatti adda bahamee irratti dorgomamu keessaa tokko tahuu kaasuun gareewwan 14 iddoo 4tti qooduun Dorgommii adeemsisaa kan turaniifi torbee 6 oliif sanbattan lamaan Dorgommii gaggeessaa kan turaniifi gareewwan afur keessaa Sadarkaa 1-2 kan bahe walitti dhufuun Dorgommii qaxxaamuraa adeemsisuun gareewwan lamaan Kollejjii Poolii Teeknikaa Adaamaafi Keenyaa jidduutti ahaampiyoonii mirkaneeffachuuf taphatamuu ibsuun isa shaampiyoonaa ta'eef geebni kan kenname ta'uu ibsuun Kaayyoon isaas walitti dhufeenya cimsuu,taphattoota haaraa horachuufi bashannanaaf akka ta'e himaniiru.

Itti Gaafatamtuu Federeeshinii Kubbaa Saaphanaa Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Adaamaa Aadde Qalamaa Hayilee gamasaaniin dorgommichi ji'a lamaaf torbee torbeedhaan gaggeeffamaa turuun har'a goolabamuu himuun kaayyoon isaas Dargaggoonni iddoo hin malle akka hin oolle,taphattoota bakka bu'ootaa horachuufi gareewwan Dorgommii taasisaa jiran Waggaa tokkoof leenjirra kan turan waan ta'eef dandeettii isaanii kan ittiin of madaalaniifi Ispoortii kubbaa Saaphanaa Magaalaa Adaamaa guddisuuf akka ta'e kaasuun taphattoonni 300 ol irratti hirmaachuufi dorgommii milkaa'aa adeemsisuun ibsaniiru.

Leenjisaa Garee Kubbaa Saaphanaa Poolii Teeknika Adaamaa Obbo Darajjee Abarraas, Gareen Kollejjii Poolii Teeknikaa Adaamaa yeroo dheeradhaaf shaakala taasisaa turuufi iccitiin Milkaa'inaas yeroo dheeraaf irratti hojjechuun taphattoonni akka cimaniif wal dubbisuun waliigalteedhaan taphachuun shaampiyoonaa akka ta'an  ibsaniiru.


News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4
News Image 5