Loading...
Dhaabbata SOS Qa'ee Daa'immanii Naannoo Finfinnee Qindeessaa Sagantaa STEP Adama Waliin Dargaggoota Magaalaa Adaamaatiif Leenjii Hubannoo Cimsu Kenne. Mootummaan Dargaggoonni Biyyaaf abdiidha, Biyyi Waan karoorfatte milkeessuu kan dandeessu hirmaannaa cimaa dargaggootaatini. Dargaggoon hojii jireenyasaa keessatti badhaadhinaaf aarsaa kan kafalu yoo ta'e milkaa'uun biyya gara milkiitti fiduu danda'a jechuun hirmaannaa Dargaggootaa cimaadhaan biyya ijaaruun dinagdee damdaneessaa milkeessuuf hojii gurguddaa hojjechaa jira.
Itti Gaafatamaa Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Adaamaa Obbo Fufaa Garmaamaa haasawa Sagantaa leenjii irratti taasisaniin Aadaa hojii laafaa jiru leenjii kennuun jijjiirama ilaalchaa fiduun dargaggeessi aadaa hojii fooyya'aa akka qabaatuufi beekumsaafi dandeettii cimsachuun ilaalcha hojii sirrii qabaachuun hojii osoo hin tuffatin ogummaa baay'achuun yeroo yeroon of fooyyessaa deemuu, dubbisuu, muuxannoo fudhachuufi tekinoolojiidhaan of gahoomsaa deemuun waan hojjeturraa boru ittiin ijaarrachuuf qusachuun jijjiirama biyyaa keessatti qooda taphachuu barbaachisa jedhaniiru.
Dabalataan aadaa hojii dadhabaa qabaachuun hanqina waliigalaa akka biyyaatti jiruufi darggaggoota dabalatee rakkoo maatii, iddoowwan leenjiifi qaamolee adda addaa ta'uu himuun jijjiirama amalaa fiduun dargaggeessi hojii osoo hin filatin iddoo itti hirmaatetti hojjetee bu'a qabeessa akka ta'uuf leenjiin akkasii itti fufiinsaan kennamuu qaba jechuun Dargaggeessi carraa akka Magaalaatti jiru fayyadamuun hojjetee of jijjiiruun dinagdeen cimuurratti xiyyeeffachuu barbaachisa kan jedhan itti Gaafatamaa Gurmuu Dargaggootaa Magaalaa Adaamaa Dargaggoo Oliifan Girmaati