Loading...
Hoteelli Guddisaa Adaamaa jala bultii ayyaana Irreechaa sababeeffachuun waajjira Dargaggoof Ispoortii Magaalaa waliin ta'uun fiigicha Irreechaa kilomeetira 5 gaggeesseera.
I/G Waajjira Dargaggoof Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Mulugeetaa Qaabatoo baga ayyaana irreechaa bara 2017 geessan jechuun guyyaa tokkummaa, jaalalaa fi obbolummaa kana dhaadannoo sochii ispoortii waan ta'eef fiigicha qophaa'eef Hoteela Guddisaa Adaamaa galateeffaatanii ispoortiin bu'uura ummataa akka qabaatu bal'inaan kan hojjetamu ta'uu dhaamaniiru .
Abbaan qabeenyaa Hoteela Guddisaa Adaamaa Obbo Guddisaa Goondee Oromoon Oromummaa isaa sirbaa fi baalagizee jedhamuun qofa osoo hin taane aadaa fi duudhaa Oromummaa gonfachuun abbaa biyyummaa tikfachuun jijjiirama gama hundaa keessatti olaantummaa qabaachuu qaba jechuun baga irreecha bara 2017 geessan jedhaniiru.