Loading...
Ispoortiin Fayyummaa qaama Ittin eggachuu irraa darbe ilma namaa gidduutti walitti dhufeenyaa cimsuun hariiroon ummaata akka cimuu fi nageenyaa waaraa fiduu keessatti shoora olaanaa taphata.
Bulchiinsi magaalaa Adaamaas sosochii mass-Ispootii bifa idila'een Itti fufsiisuun fayyaa ofii eggachaa hojiilee misoomaa fi nageenyaa lafa qabsiisuuf hojjiittii galamee jira.
kanummaa bu'uura kan godhaate hoggansi olaanoo Kutaa Magaalaa bokkuu Shanani,Hojjettonni mootummaa Aanalee Awaash Malkaasaa , Harooreetti Torban Oboo fi qaamni hawaasa hundii ganamaan bahuun sosochiii qaama gaggeessaniiru.
Sagantaa sosochii mass Ispoortii irratti argamuun haasaa kan taasisaan Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Awaash Malkaasaa Obbo Darajjee Almadii Ispoortiin Fayyummaa qaama eeggachuuf shoora ol aanaa qaba jedhan.
Hawaasni fayyummaan isaa eggaamee hojiillee Nageenyaa fi misooma irratti hirmaanan qabu olaanaadha kan jedhan Obbo Darajjeen fuula durattis hawaasni aanicha tokkummaa fi jalaala waliif qaban cimsachuun Nageenyaa waaraaf dhabbachuu akka qaban dhaaman .
Kana malees, biyyaa badhaatee fi dhalootaa sammuu qulqulluu fi fayyaalessa ta'e uumuuf hunduu tumsu qaba jedhan erga isaaniittin.
Itti gaaffatamaan waajjiira Paartii Badhaadhina Aanaa Awaash Malkaasaa Obbo Jamaal Mohammad erga dabarsanii hawaasnni fayyumman isaa eeggame hirmannaan gama siyaasa, hawaasummaa fi dinagdeetti qabu gabbifachaa Deema waan ta'ef badhaadhinaa maatii mootummaan qabate Deemaa jiru gama hundaan milkeessuf gaheen hundaa kenyaa olaanaadha jedhan.
Hojii Rawwaachisaan olaanaa kutaa Magaalaa bokkuu Shanani Obbo Misgaanaa Bashaa sosochiin mass Ispoortii sadarkaa kutaa magaalichatti bifa idila'een Itti fufe jiru kun hawaasni kutaa magaalichaa ispoortiin nageenya,jalaala fi fayyaa ta'u isaa hubatee jira jedhan.
Hawaasni Sagantaa sosochii mass Ispoortii irratti hirmaattan tokko tokkoo yaada Radiyoo ABS'f kennanin Fayyaa ofii eguu irraa darbe Ispoortiin walitti dhufeenyaa hariiroon hawaasa waan cimsuuf ,fayyaa keenya eggachaa hojiilee nageenya fi misooma Akka kutaa magaalaa isaaniitti jiru Itti fufsiisuuf qophiidha , sosochiin mass Ispoortii kun immoo cime Itti fufu qaba jedhan