Loading...
I/G Waajjira Dargaggoof Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Mulugeetaa Qaabatoo Ispoortiin garaagarummaa sabaa, amantaa, saalaa, umrii fi sadarkaa qqbeenyaatiin kan hin daangeffamne ta'uu ibsanii tokkummaa fi obbolummaa sabaaf sablammoota gidduu jiru cimsuun humna tokkoon ijaarsa biyyaa keessatti gahee olaanaa taphachuu akka qaban gaafataniiru.
Af Yaa'iin Mana Maree Magaalaa Adaamaa Aadde Immabeet Jibbaa ispoortiin fakkeenya olaanaa daneessummaa waan ta'eef guyyaa daneessummaa sababeeffachuun qophii ispoortii hawaasaa gaggeeffamuun adda taasisa jechuun guddina Ispoortii biyya keenyaaf idileedhaan leenjii ogummaa fudhachuun ispoortessitoota naannoo fi biyya keenya bakka bu'an horachuu akka qavan dhaamaniiru.