Loading...
Leenjiichi manneen barnootaa galmee barattootaa guutummaatti Mosaajii Sirna bulchiinsa Odeeffannoo Barnootaa irra galchuu fi qulqullina barnootaa eegsisuu irratti ogeeyyii fi hoggansi manneen barnoota dhuunfaa fi mootummaatiif kenname. Bu'aa qabeessummaa hoggansa bulchiinsa manneen barnootaa guddisuun, haala baruu fi barsiisuu bu'a qabeessa taasisuun, naannoo barnootaa fi manneen barnootaa mijataa gochuu,walitti dhufeenyaaf tumsa maatii hawaasaa cimsuun gulantaa manneen barnootaa fooyyeessuuf murteessaadha jedhan itti aanaan itti gaafatamaa wajjira barnootaa magaalaa Adaamaa obbo Yohaannis Mallasee.
Mosaajiin odeeffannoo barnootaa kunis ragaa barattootaa bifa ammayyaatiin qabachuudhaan madaallii fi raawwii hojii qulqullina barnootaatiif gumaacha guddaa akka qabu eeraniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Barnootaa magaalaa Adaamaa obbo Darajjee Tasfaayee manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa ragaa barattootaa isaanii galmeessuuf mosaajii Sirna bulchiinsa Odeeffannoo Barnootaa (EMIS) fayyadamu. Kunis odeeffannoo lakkoofsa barattootaa fi sochii isaanii hordofuuf kan gargaaru ta'uu dubbatan. Ragaa sirna barnootaa olkaa'uu dhabuun kan nama gaafachiisu ta'uu hubachuun manneen barnootaa hundi teeknooloojiitti madaqsuun hojjechuu qaba jedhan.