Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-23
Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Kutaan Magaalaa Bokkuu Shananii Qe'ee Qonnaan Bultootaa Waaqee Mi'aatti Milkaahina Raawwii Hojii bara 2018tii akka kutaa magaalichaatti dhufe ilaalchisuun Sirna beekkamtii fi galataa gaggeesse.

Sirna beekkamtii  irratti argamuun ergaa baga gammadanii kan dabarsan  Hoji raawwachiisaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shananii Obbo Taayyee Doorii   bara 2018 hojiilee misoomaa kutaa magaalichaa  keessatti galmaa'aniif gaheen hoggansaa,hojjataa,abbootii qabeenyaa, seektaraalee,Aanaalee kutaa magaalichaa fi hawaasaa guddaa waan ta'eef  beekkamtii fi galata argachuu qabduun  ibsan.

Saganticharratti keessumummaan kan argaman itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Adaamaa fi  qindeessaa damee  tajaajilaa Obbo Nigaatuu Mootummaa hojiilee misoomaa gurguddoo hedduun akka magaalaattis ta'ee akka kutaa magaalaatti milkaahina galmeessineerra.

Hojiilee raawwataman keessatti gaheen tokkoo tokkoo keessanii olaanaa ture barri 2018 bara injifannootti injifannoo kana fiduuf immoo carraaqii taasisaa turtaniif galataa fi Ulfinatu isiniin malaan dubbatan. Hojiilee akka Mgaalaatti itti milkoofne keessaa tokko hojii Qe'ee Qonnaan bulaa ijaaruu,hojii kooridarii magaalaa,hojii Adaamaa siitii areenaa fi hojiilee misooma qonnaaf kan biroo akka milkaahan hoggansaa fi hojjattoonni,Abbootii qabeenyaa fi tumsa taasisan hundaaf beekkamtii fi galanni guddaan kan maluuf ta'uu ibsan.

Kallattii hojii gara fuula duraa kennaniin  Bara 2019tti Galmoota Karoora Of danda'uu: Nyaataan of danda'uu,Nageenyaan of danda'uu, Diinagdeen Of danda'uu fi Badhaadhina fiduuf kutannoo Olaanaan haa hojjannuun Kallattii hojii kennan. Hirmaattonni sagantaa sirna beekkamtii irratti qooda fudhatanii fi badhaasa argatan sirni beekkamtii kun qophaahuu fi waan hojjataniin badhaafamuun isaanii hojii itti aanuuf kaka'uumsa kan itti hore ta'uu dubbatan.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4
News Image 5