Loading...
Deggersi taasifame kunneen qarshiitti Tilmaamaan miliyoona afuritti (4)tti kan siqu yoo ta'u dubartoota harka qalleeyyii 30 galii hin qabneefi jireenya gadi Aanaa jiraataniif kennamuu Itti gaafatamaan Dhaabbata Misooma Hawaasummaa Direct Aid wiirtuu Najjaash obbo Ibraahim Mahaammad Amiin himan.
Dhaabbanni kun biyyoota afirikaa 30 keessatti hojii Tajaajila namoomaa bal'aa hojjechaa jiraachuus dubbachuun guyyaa har'aas waajjira dhimma dubartootaaf daa'immanii Magaalaa Adaamaa wajjiin tahuun dubartoota harka qalleeyyii tahan adda baasuun deeggaruu isaa dubbataniiru.
Itti aanaafi Barreessaan Dhabbata misooma hawaasummaa Direct Aid wiirtuu Najaashii Obbo Abdurahmaan Manzaa akka jedhanitti deeggarsi guyyaa har'aa kun dubartoota harka qalleeyyii ta'an kanneen diinagdeen deeggaruuf ta'uu kaasanii, kanaanis hojjatanii ijoollee isaanii akka barsiifataniif jechuun himan.
Haaluma kanaan,deeggarsichis,xaafii,barbaree,shiroofi eelee biddeenaa, meeshaa barbaachisu guutuu wajjiiniifi qarshii kuma 25 hanga 30 kennuufii ibsuun akka maxxantummaa fi rakkinna dandamachuun of danda'anis dhaamaniiru. Dubartoonni deggersi taasifameefis deggersa argatanitti gammaduun deggersa argataniin jireenya isaanii jijjiiruuf qophii ta'uu dubbatan.