Loading...
Waajjirri Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa qabiyyee lafaa osoo hin misoomon yeroo dheeraa lakkoofsisan sirreessuu fi karoora safarrii harcaa lafa qonnaa irratti hoggansaa fi ogeeyyii seektarichaa sadarkaan jiran waliin mari'achuun kallattii kaa'eera.
I/A Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Nigaatuu Mootummaa qabiyyee lafaa fudhatamee osoo hin misoomin jiran irratti waajjirri lafaa fi konistiraakshinii hoggansa sadarkaan jiru waliin qindoomuun sirreessuu akka qaban dhaamanii riifoormii lafaa lafa qabsiisuuf istaandaardii fi pilaanii lafaa wal simsiisuun tiraanisfoormeeshinii kenna tajaajilaa qulqullinaan lafa qabsiisuuf alseerummaa naannoo kanatti mul'atu furuuf hojjetamuu qaba jedhaniiru. Hawaasa, ogeeyyii, fi hoggansa yaadama magaalomsuu nafeeffatee alseerummaa lafaan walqabatuu fi ijaarsa seeraan alaa balaaleffatu uumuuf karoorri kun gahee olaanaa waan qabuuf hoggansi magaalaa, waajjirri lafaa, A/T Konistiraakshinii, fi qooda fudhattoonni gahee olaanaa qaban bahachuu akka qaban dhaamaniiru.
I/G Waajjira Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Taliilaa Qumbii hojii regularizashiniition lafaa hanga ammaatti hojjetameen cittuu lafaa kuma 36 oliif qabiyyee kennuu ibsanii rakkoolee lafaan walqabatu hiikuun sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuu fi pilaanii magaalaatiin hogganamuun qabiyyee lafaa fudhatamee osoo hin misoomin hafe yeroo gabaabaatti hojiitti akka galan taasisuu qabna jedhaniiru.