Loading...
Raawwii Karoora xiiqitiin Dhaabbilee barnootaa babal'isuun carraa hojii uumuun sadarkaa olaanaarra jiraachuufi Mana Barumsa bu'uura boruu ijaaruu,Reetii darbiinsa barattootaa Mana Barumsa Mootummaafi dhuunfaa Kutaa 6,8,12 guddachuu,mala baruu barsiisuu (teaching at right level) bu'aa guddaa kan fide ta'uu,reetii xumura Kutaa 6ffaafi 8ffaa irratti hojii guddaan hojjetamuu,babal'ina ijaarsa bu'uuraalee barnootaa guddisuu, inisheetivii nyaata barataa hojiirra oolchuun dandeettii barataa cimsuu,tekinoolojii babal'isuuf ethio coders barattoota fudhachiisuu,Dijitaalessuu, hojiilee qonnaa dallaa Mana barumsaa keessatti hojjechuun hojiileen milkaa'ina qaban fakkeenyummaan hojjetamuu ibsameera.
Karoora of danda'uu Bara 2019 keessatti biyyi of hin dandeenye yeroo hunda mataa gadi qabattee jiraatti kanaaf manneen barnootaa galiin of danda'uu, tekinoolojiin of danda'uu,ogummaan of danda'uu,Giddugala qormaata biyyoolessaatiin of danda'uu, dhaabbilee barnootaa dabaluu,hirmaannaa Barnoota Waliigalaa guddisuu,bu'aa barachuu barattootaa fooyyessuu, Hojii tajaajila Lammummaa daran cimsuu, inisheetiviiwwan barnootaa xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuu,Sagantaa nyaata barattootaa babal'isuu, Inisheetivoota Qonnaa manneen barnootaa dallaa Mana barumsaa hunda keessatti hojiirra oolchuu,hojii National-ID fi Ethio-Coders cimsuu akka barbaachisu ka'eera.
Dhumarratti Itti Gaafatamaa Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa Obbo Adam Faqoo ,Biyya hiyyummaa keessa kan tursiise yaadama biyya ceesisu dhabuu waan ta'eef waan badaa mariifi waliin haasa'uun gatuun hojii gaarii muuxannoo taasisuun yaadama ida'amuutiin Aadaa hojii jijjiiruu,qusannaa cimsuu,al-seerummaa dhabamsiisuu,nageenya eeguu,dhaloota ogummaafi kalaqaan bocamee uumuun,manneen barnootaa hunda bosoneessuufi qulqulluu taasisuun giddugala muuxannoo gochuun jijjiiramaa fi milkaa'ina akka magaalaatti qabame galmaan gahuu qabna jechuun kallattii kennaniiru.