Loading...
Bulchaan Aanaa Dhakaa Adii Obbo Dabalee Hayiluu ergaa dabarsaniin Baankiin Abisiiniyaa tajaajila hawaasaa kennu cinaatti Qindeessummaa Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Adaamaatiin Barattoota harka qalleeyyiif Dabtara darzana 100 ,qalamaafi Irsaasii Qarshii Kuma 100'tti shallagamu kennuufi namni qabu baay'ee ta'us lammiif yaaduun deeggarsa taasisuu eeruun akka aanaatti tajaajila lammummaa qaamolee gara garaa amansiisuun waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuufi fuulduraaf baankicha waliin qindoominaan kan hojjetan ta'uu ibsaniiru.
Itti Gaafatamtuu Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Adaamaafi Bakka Buutuu Ummataa Miseensa Caffee Oromiyaa Aadde Aminaa Inkushii gamasaaniin baankin Abisiniyaa tajaajila hawaasaatiin beekamuufi nyaata barataa, maaddii qooddachuu, inshuraansii Fayyaa hawaasaa bituufi hojiilee gaarummaa hedduu namoota hedduuf hojjechuufi deeggaruu kaasuun hojiin namoomaa nama gammachiisa waan ta'eef nama gargaaruuf nama ta'uun gahaadha jechuun harka mirgaa ta'ee hojii tajaajila lammummaa gama mootummaatiin hojjetamaa jiru cinaa dhaabbachuu isaaf guddaa galateeffataniiru.
Baankii Abisiiniyaa Distiriiktii Adaamaatti Itti Gaafatamaa Liqii Dhalarraa Bilisaa Obbo Bashiir Hajjii yaada kennaniin Baankiin Abisiiniyaa kanaanduras hojiilee deeggarsaa hedduu hojjechuu kaasuun dirqama lammummaa bahuuf hojii tajaajila lammummaa hojjechuun aantummaa sabaaf qabu agarsiisuun dirqama waan ta'eef hanga bajanni danda'e meeshaalee deeggarsa barnootaa kennuu kaasuun Fuulduraafis Sagantaa akkasii bal'isanii kan itti fufan ta'uu ibsaniiru.