Loading...
Galmoota misoomaa Mootummaadhaan kennaman irratti xiyyeeffannaa kennuun kalaqaafi ogummaa walitti hidhuun qonnaanbulaa oomishaafi oomishtummaa isaa guddisuun jiruuf jireenya fooyya'aa taasisuun Badhaadhina sadarkaa maatiitti fiduun guddina Waliigalaa dhugoomsuuf murtee Gubaarratti darbe bu'uura taasifachuun qonnaanbulaa magaalomsuun akka guddatu taasisuuf waadaan osoo oolee hin bulin gochatti jijjiirame.Magaalonni qonnaanbulaa naannoo isaanii jiru qabatanii guddachuu qabu,Sirna oomishaafi oomishtummaa dabaluu barbaachisa, Magaalaan hamma qonnaanbulaatti siqaa deemtu qonnaanbulaan buqqa'uun hafee karaa qindaawaa ta'een misoomsuuf wixinee jalqabameedha.
Haaromeen Karoora xiiqitiin hogganamee humnoota misoomaa sadan Badhaadhina maatii,tajaajila lammummaafi bajata mootummaatiin hojiitti hiikamee lafarra bu'ee Makanayizeeshinii Qonnaa ,Sirna Oomishaa dabaluu,haala Mana Jireenyaa qonnaanbulaa jijjiiruuf milkaa'ina kanneen qabatee Jira.
Yaadamoota galma Magaalaa giddugala godhachuun,wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti Magaalaafi baadiyyaa akkaataa walitti hidhuufi Mootummaa cimaafi gurmaa'insa cimaa haala yeroon barbaaduun ijaaruuf giddugala godhatee kan hojjetameedha.Karoora Badhaadhina maatiifi bu'uura misooma maatii irratti xiyyeeffachuun Inisheetivii sirnoomsuuf, oomishaafi oomishtummaa dabaluuf, qoteebulaa faca'ee jiraatu walitti fiduun bu'uuraalee misoomaafi tajaajila hawaasummaa iddoo tokkotti akka argatan taasisuun baadiyyaa ammayyeessuun gara boqonnaa haaraatti ceesisa.