Loading...
Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Adaamaa Obbo Maammoo Tusii hojiilee waggoottan darban hojjetaman keessatti Manneen Murtii keenya Ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf fi Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaarratti jijjiirama hunda galeessa fiduuf Riifoormiiwwan adda addaa hojiiirra oolchuun kenni tajaajila abbaa seerummaa akka fooyya’u taasifamaa dhufuu fi
Qulqullina kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa dabaluun garaagarummaa raawwii Manneen Murtii gidduu jiru dhiphisuuf gahumsa abbootii seeraa fi hoggansa manneen murtii fooyyessuu keessatti milkaa'inni gurguddaan galmaa'eera jedhaniiru.
Dhumarrattis Gaarummaa bulchiinsa keessoo fi Manneen Murtii gara "E-Court" tti ceesisuu waliin walqabatee harcaatii jiru furuun karoora bara 2019 raawwii olaanaadhaan xumuruuf kutannoo fi aantummaadhaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.