Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-19
Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa kutaa Magaalaa Abbaa Gadaatti kutaaleen hawaasa gara garaa Aanaa Dagaagaa tajaajila lammummaa Ganaatiin arjooma dhiigaa gaggeessan.

Magaalaa Adaamaatti tajaajila lammummaa Gannaa hawaasa gara garaa hirmaachiise cimee akkuma itti fufeetti jira. Bu'uuruma kanaan tajaajilli lammummaa Gannaatiin Aanaa Dagaagaatti kutaalee hawaasa gara garaa hirmaachiise arjooma dhiigaa gaaggeesanii jiru.Kutaaleen hawaasa Aanaa Dagaagaa dhiiga wayita arjooman  arginee dubbisne akka jedhanitti lammilee keenya keessattu hadhoolii sababaa adda addaatiin dhiiga dhabuun rakkatan lubbuu isaanii baraaruuf qooda lamummaa isaanii bahuuf dhiiga arjoomuu ibsan.

Itti gaafatamaan ijaarsa paartii badhaadhinaa Aanaa Dagaagaa obbo Mangiistuu Kaasahuun akka jedhanitti dhaadannoo "haadhoolee lubbuu darburraa haa baraarru jedhuun " biifa qiindoomina qabuun kutaalee hawaasaa fi hojjattoota motummaa hirmaachiisuun dhiiga arjoomuu dabalatee kan biroo keessatti itti fufiinsaan qooda keenya bahaa jirra jedhan.

Bulchaan Aanaa Aanaa Dagaagaa obbo Tasfaayee Gosaayee akka jedhanitti tajaajila lamummaa Gannaatiin kutaalee hawaasa Aanichaa hirmaachiisaa jirru kessaa tokko arjooma dhiigaa ta'uu ibsuun dhiigni arjoomnuu namoota  dhukkubsatan fi dubartoota da'umsarratti dhiiga isaan barbaachiisu, caasaalee nageenyaa ergama irra jiranii rakkoof saaxilaman,lammilee balaa tasaaf saaxilaman qooda lammummaa isaanii bahaa jiraachuu ibsan. Kana malees tajaajila lammummaa gannaan damee hawaasumaa, tajaajilaa fi fayyaatiin  dhiiga arjoomuun , mana harka qaleeyyii ijaaruu,biqiltuu dhaabuu,dabtara barattoota harka qaleeyyiif biituu fi kanneen biroo irratti xiyyeefachuun sochii baldhaa taasisaa jirra jedhan.

News Image 1
News Image 2
News Image 3