Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-18
Ejensiin Geejjibaa Magaalaa Adaamaa raawwii hojii waggoottan shanan darbanii gama damee geejjibaatiin argame xiinxaluun, karoora of-danda’uu bara 2019 milkeessuuf waldaalee geejjibaaf sosochii hubannoo taasise .

Sagantaa sosochii hubannoo kanarratti raawwii hojii waggoottan shanan darbanii keessatti damee geejjibaa irratti argame, hanqinaalee fi qormaataalee mudatan akkasumas hojiiwwan karoora of-danda'uu bara 2019 keessatti xiyyeeffannoo argachuu qaban irratti mariin bal’aan taasifameera. Itti gaafatamaan Ejensii Geejjibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Makuraa Shuumii, waggoota shanan darbanii keessatti hojiiwwan tajaajila lammummaa ejensii geejjibaan hojjetamaa turen bu'aaleen argamee jiraachuu dubbataniiru.

Kaayyoon sagantaa har'aas karoora of-danda'uu hojiiwwan bara 2019 keessatti hojiiwwan hojjetamuu  qabu irratti kan xiyyeeffateedha jedhan. Ejensiin geejjibaa Tajaajila geejjibaa ammayya'aa taasiisuuf teeknoloojjitti fayyadamuun hawaasaaf Tajaajila quubsaa kennaafii jiraachuu himaniiru. Bara kanas karoora of-danda'uu qabatanii Jiran milkeessuuf caalmaatti kan hojjetan tahuu kaasaniiru.

Waldaaleen geejjibaa saganticharratti hirmaatanis hojii tajaajila lammummaa fi Misooma magaalichaa keessatti qooda isaanii bahachaa jiraachuu ibsuun, hanqinaalee fi rakkoolee tajaajila geejjibaa keessatti isaan mudatan kaasaniiru.

Rakkoolee ka’an keessaa, kaaffaltiin gibiraa humnaa ol itti ta'uu, qulqullina daandii keessaa irratti hanqinni jiraachuu, qaamolee nageenyaatiin uggurri seeraan ala taasifamuu fi iddoowwan paarkingiin gahaan ta’an bakka hundatti bifa walfakkaatuun dhabamuu isaanii eeraniiru.

Itti Aanaan Kantiibaa fi Qindeessaan Damee Tajaajilaa Obbo Nigaatuu Mootummaa, qulqullina tajaajila geejjibaa ammayyaa mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jiru sadarkaa gaarii irra jiraachuu kan himan.dhimmoota koriidarii fi daandii waliin walqabatan irratti iddoowwan rakkoo qaban adda baasuun furmaata itti fufiinsa qabu kennuuf hojiiwwan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataanis Obbo Nigaatuun,dhimmoota buufata konkolaataa haaraa hojjetamaa jiran, paarkingiin walqabatan, alseerummaa qaamolee nageenyaa waliin walqabatan, akkasumas kaffaltii gibiraa ilaalchisee xiyyeeffannoon kan kan itti kennamu tahuu ibsaniiru.Karoora of-danda’uu bara 2019 qabame milkeessuu fi tajaajila geejjibaa magaalichaa fooyyessuuf waldaaleen geejjibaa gahee isaanii sirnaan bahachuu akka qaban kallattii kennaniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4