Loading...
Itti Gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii Magaalaa Adaamaa Aadde Lookoo Halakee haasawa taasisaniin Backnar Itiyoophiyaan Dhaabbata Miti Mootummaa Mootumma cinaa dhabatee deeggarsa gara garaa kennaa jiru yeroo dhiyootti gara Magaalaa dhufuun Hojii guddaa hojjechuun jijjiirama guddaa fidaa jiruufi har'a barattoonni sababa meeshaalee barnootaatiin barumsarraa hafuu hin qaban jechuun deeggarsa meeshaalee barnootaa kennuu ibsuun hawaasni waan barbarbaachisuun Dhaabbaticha jajjabeessuu qaba jedhaniiru.
Af-yaa'ii Mana Maree Magaalaa Adaamaa Aadde Immabeet Jibbaa yaada kennaniin Kennaan waan guddaadha Ijoollee qaruuf lammii fuulduraa barsiisuuf karoora Mootummaa deeggaruun dhaabbileen dhaqqabummaa isaanii cimsuun Bakka mootummaan qaawwa qabutti dhaqqabuun barattoonni akka baratan taasisuu himuun Maatiin barattootaas barattoonni ciminaan baratanii dhaloota egeree biyya dhaalufi guddisan taasisuu qabdu jechuun ergaa dabarsaniiru.
Dhaabbileen gara garaa bara kanatti hojii tajaajila lammummaatiin meeshaalee barnootaa adda addaa barattootaaf kennaa turuu kaasuun Dhaabbanni backnar Itiyoophiyaa yeroo dhiyoo magaalaatti hojii jalqabuun deeggarsa adda addaa taasisuun hojii guddaa hojjechuufi magaalaa irratti xiyyeeffachuun harka qalleeyyii yaadachuun deeggarsa taasisuu kaasuun Hojii Gaarii hojjechuun amantaa,Saba,bifa hin filatu laphee gaarii qofa barbaada waan ta'eef lammiileen waan qabnuun wal cinaa dhaabbachuun wal utubuu barbaachisa kan jedhan Itti Gaafatamtuu Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Adaamaafi Miseensa Caffee Oromiyaa Aadde Aminaa Inkushiiti.
Hoji Adeemsisaa Backnar Itiyoophiyaa Giddugala abdii maatii Oromiyaa Obbo Tashoomaa Dabalee gamasaaniin BacknarDhaabbatichi barattootaaf deeggarsa Dabtara darzana 1000,Irsaasii 6000,Qalama 4000,Haqxuu 3000fi Qartuu 3000 Waliigala deeggarsa akaakuu Qarshii mil.1.6 taasisuu kaasuun dhaabbatichi namoota gargaaruuf Maamila jedhaan.Nuti ammoo tajaajiltoota isaaniiti kanaaf Afyaa'iin Mana Magaalaa Adaamaa jidduu keenyaatti argamuun hojii dhaabbatichaan hojjetamu daawwachuutti gammanneerra.Sektaraalee Mootummaa hojii hojjennu keessatti deeggarsa hedduu waan nuuf taasisaniif guddaa galateeffanna jedhaniiru