Loading...
Qaamoleen hawaasaa adda addaa hojjattootni mootummaa akkasumas hooggantootni aanota kutaa magaalattii irraa walitti dhufan konfiransicharratti hirmaataniiru. Haalli gurmaa'insaa fi Caaseffama akkasumas hojiilee bara 2018titti Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo Mesoob Adaamaan raawwataman ka'uumsa mariif dhiyaataniiru. Abbootiin dhimmaa kuma 200 fi kuma 35 wiirtichaan simatamuu fi akka kutaa magaalaa Bokkuu Shananiittis dameen wiirtichaa jiraachuu baatus tajaajila iddoo tokkootiin abbaaotiin dhimmaa kuma 29 fi 70 simatamuutu ibsame. Tajaajiloota walitti hidhamiinsa qaban argachuuf kana dura asiif achi dhama'aa turre erga tajaajilli iddoo tokkko eegale kana hobbaafanneera jedhan hirmaattotni yaada kennaniin. Haa ta'u malee ammas ogeeyyii tokko tokko biratti miira tajaajiltummaa guutuu goonfachiisuun barbaachisaadha jedhan. Rakkooleen bu'uuraalee misoomaa aanota kutaa magaalattii keessatti muldhatan akka furmanis
gaafataniiru. Dhimmoota ka'aniif gaggeessitoota aanotaatiin ibsi kennamuun hooggantoota olaanoo kutaa magaalichaan kallattiin teechifameera. Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Kutaa Magaalaa Bokkuu Shananii obbo Qumbii Loongalee adeemsa hanga ammaa tureen jijjiirama galmeessifne daran dabaluuf hawaasa ofcinaa hiriirsuun ni hojjanna jedhan. Hojiraawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalattii obbo Taayyee Doorii sirni ijaarru kan rakkoolee faarsu osoo hin taane rakkooleef furmaata kan laatudha waan ta'eef hanqinoota muldhatnii kallattii kana hordofuun maqsina jedhan.