Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-18
Ogeeyyiin Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Karoora Of Danda’uu Bara 2019 Haala Milkeessuun Danda'amuurratti Marii Gaggeessaan.

Kaayyoon waltajjii marii kanaa,imala badhaadhinaa milkeessuuf waggoota shanan darban keessatti mootummaa jijjiiramaatiin bu'aawwaanii fi muuxannoowwaan argaman bu’uura godhachuun, karoora Of-danda'uu bara 2019 irratti hirmaannaa ummataa addaan hin cinne,cimina hoggansa sadarkaan jiruu fi dhaabbilee mootummaa bu'aa qabeessa taasisuu akka ta'e ibsame. 

Itti gaafatamtuun waajjiira fayyaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Siistaar Saamiraa Mohaammad toorri xiyyeegannaa seekitara fayyaa kenna tajaajila fayyaa foyya'aa,dhiyyeessii fi itti fayyadama qabeenyaa,hoggansaa fi bulchiinsa fayyaa foyyaa'aa,sirna fayyaa gahuumsa fi dandeetti ol'aanaa qabu taasisuudhaa jedhu. Hirmaattootni mariichaa gabaasni dhiyaate hojiilee gama seekitara fayyaatiin hojjatamaan kan ibsuu ta'uu himuun,garuu hospitaala dhuunfaa fi mootummaa biratti tajaajilli kennamuu ilaalamuu qabaa,hospitaalonni dhuunfaa gatiin kafalchiisaan ulfaataa ta'uu isaa kaasuun,garuu hospitaalonni dhuunfaa rakkoolee heedduu hiikaa akka jiraniis dhimma hubatamuu qabuudhaa jedhu.

Rakkolee gama dhiyyeessii qorichaan,qulqulliinaan akkasumaas naamusaatiin jiraan sakatta'amuu akka qabu jechuun gaaffii fi yaada qaban dhiyyeessaan. 

Itti gaafatamtuun waajjira fayyaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Siistaar Samiiraa Mohaammad hojiileen akka galteetti fudhanee hojjanuu jiru jechuun,dhaabbileen dhuunfaa gatii madaalawwaan akka uummata isaanii tajaajilaan dhiyyeenyaan kan hordofnuudhaa jedhu.  ggeeyyiiwwaan fayyaa beebekamoo magaalaa Adaamaatti qabaachuun keenya abbaa carraa nu taasiseerraa kan jedhan Siistar Saamiiraan,

tajaajila fayyaa ammaayyeessuu fi qulqullinaarraati xiyyeeffannaa addaatiin hojjachuuf karoora of-dandauu bara 2019 ta'a jedhu. 

Itti Gaafatamaan ijaarsa paartii badhaadhinaa damee Magaalaa Adaamaa Obbo Adam Faqoo gama isaaniin akka jedhaniitti,waggoottaan shanaan darbaan keessatti hojiilee gurgoddoo hojjatamaniin kanneen akka muuxxannootti fudhataman baay'eetu jira jechuun,akka hanqinaaleetti jiran xiyyeeffannaa addaatiin kan hojjatamuudha jedhu. Hawaasa oomishaa fi oomishtummaa dabaluu danda'u horachuuf fayyaarratti hojjachuun gahee nama hundaa ta'uu qaba jedhu. 

Karoora xiiqiirraa gara karoora of danda'uutti ce'uun gahee dhaabbilee dhuunfaas ta'uu qaba kan jedhan  obbo Adam,karoora of-danda'uu bara 2019 milkeessuuf hudhaa gama kennaa tajaajilaatiin jiran hiikuun uummataaf of kenniinee kan hojjanuudha jedhu.

News Image 1
News Image 2
News Image 4
News Image 5