Loading...
Magaalaa Adaamaatti Qaammee 3 Guyyaan Cichoominaa Agarsiisa Adda Addaa Fi Marii Paanaaliitiin Kabajame. Guyyichi dhaadannoo "Raayyaan Ittisa Biyyaaf, Humna Olka'iinsa Itoophiyaati"jedhuun hoggansi magaalaa sadarkaa sadarkaan jiruu fi caasaan nageenyaa bakka argamaniitti kan gaggeefamee
dha.Cichoominni bu’uura biyyi tokko qormaata muudatu dandamattee nageenya ishee tikfachuun gara guddinaa fi badhaadhinaatti tarkaanfattuudha.
Ajajan Qajeelcha Ol'aanaa Poolisii Magaalaa Adaamaa Ittaanaan Komishinaraa Shawaayyee Dachaasaa sagantaa guyyichaa ilaalchiisee haasawa taasisaniin,qaammeen 3 guyyaa cichoominaatti yoo jennu, birmadummaa biyyaa eegsisuuf jecha warreegama taasifame yaadachuu akka ta'e ibsuun,muuxannoowwaan abbootti keenyaarraa gonfanneen,gufuuwwaan biyyaattii qunnamaa turan gara carraatti jijiiruun danda'ameerra jedhu.
Beekumsaa fi dandeettii keenya qixaan fayyafamuun dhimma yeroon barbaadu hojiiti hiikuu qabna kan jedhan Ittaanaan Komishinaraa Shawaayyeen,dhiibbaa keessaa fi alaa qolachuun, tokkummaa keenya cimsachuun abdii egereef hojjachuu qabana jedhu
Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Adaamaa obbo Taarraqeny Tasfaayee gama isaaniin, dhimma biyyaaf wareegama kafalameen farreen nageenyaa qolachuun danda'ameerraa jedhu.Kanaafuu biyya bulchuuf abbaa carraa taanuus seenaa goototaa kaasuu qofa osoo hin taane akka mootummaa fi biyyaatti seenaa hojjachuu qabnaa jedhu.
Baadaa fi baandaa keessaa fi alaan ijaaramuun biyyaa diiguuf bitamte qolachuu, danda'uun injjifannoowwaan cululuqaan akka galma'e kan ibsan obno Taarraqeny,ayyaanoota fuuldura keenya jiran karaa nagaan akka gaggeefaman gahee keessaan bahachuu qabduu jedhu.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa Obbo Ashanaaffii Ajjamaa gama isaniin, Itoophiyaan baroota dheeraaf qormaata keessaa fi alaaf osoo hin jilbeefatiin as gahuu isheetiif warreegamni gootoota keenyaa iddoo ol'aanaa qaba jechuun,
lammiileen biyyaattii jalaalaa fi tokkummaa qabaniin biyyaattii tikfaachuu akka danda'an himu.
Gootootni lafee fi dhiiga isaanii itti warreegaan yaadachuuf qaammee 3 guyyaa cichoominaa ta'uu ibsuun,hojiileen gurgoddoon biyyaatti keessatti galman dhufuu kan danda'an warreegamaa fi aarsaa gootootni biyyaatti kafalaniin kan jedham obboo Ashannaaffiin,dhalooonnii ammaas cichoominaan biyyaa cimtuu fi misoomaan badhaatee sadarkaa olaanaan gahuuf misoomaa fi imala jalqabame milkeessuuf hojjachuu akka qaban dhaamaan.
Hirmaattootni paanaalichaa gama isaniin diinoota keessaa fi alaa qinda'uun misooma jalqabame gufachiisuuf hojjaataniif nutti kan hin jilbifeeneedha jechuun yaada kennaan.