Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-15
Magaalaa Adaamaatti kutaan magaalaa Luugoo caasaalee mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaa raawwii hojii bara 2018 keessatti milkaa'ina olaanaa galmeessaniif beekamtii kenne.

Hoji raawwachiisaan olaanaa kutaa magaalaa Luugoo Obbo Mulaatuu Kabbadaa bara 2018 gama misoomaa, siyaasaa fi hawaasummaan akka kutaa magaalichaatti hojiin hedduun hojjatamuu kaasan. Milkaa'inoota argaman keessatti caasaaleen mootummaa sadarkaan jiran, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen dhuunfaa fi hawaasni kutaa magaalichaa shoora guddaa bahachuu himuun galateeffatan. Beekamtiin kenname kan darbeef galteeffaachuun hojii itti aanuuf si'eessuuf ta'uus eeran. Saganticha irratti kan argaman itti gaafatamaa siyaasaa paartii badhaadhinaa damee magaalaa Adaamaa Obbo Soorechaa Asfaaw  yaadamni paartii badhaadhinaa olaantummaan akka lafa qabatuuf hojiileen ijaarsaa fi siyaasaa bal'aan hojjatamaa turuu ibsan. Raawwii bara kanaan bu'aan olaanaa akka magaalaatti galmaa'uu kaasuun, karoora of danda'u bara 2019 milkeessufis caasaaleen mootummaa fi hawaasni kutaa magaalichaa kutannoo agarsiise cimsee itti fufuu akka qabus dhaamaniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4