Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2024-12-05
Biiroon carraa hojii uumuufi ogummaa Oromiyaa Biiroo daldalaa oromiyaafi inistituutii misooma interpiruunarshiippii Itoophiyaa waliin ta'uun leenjii interpiruunarshiippii daldaltoitaaf kennuu eegale.

Itti Aanaan hogganaa biiroo daldalaa Oromiyaa Obbo kifilee Taaddalee haasawaa taasisaniin dameewwan guddina diinagdee biyyattiitti galmaa’aa jiran, sagantaalee sadarkaa biyyaalessaatti bocamuun hojetamaa jiranirratti bu’aawwan galmaa’aanii fi jijjirama dhufan, mootummaan biyyatti gara guddinaatti ceesisuuf kutannoo argisiiseen milkaa’inaalee garaagaraa galmaa’u kaasaniiru. 

Magaalota keessatti hojii daldalaa hojjechuudhaaf namoota ogummaa  qabantu hojjeta  jedhan itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii . keessattuu leenjiin kennamu immoo dinagdee biyyaa jijjiiruuf akka ta'e himan. 

Itti Aanaa itti gaafatamaan biiroo carraa hojii uumuu fi ogummaa Oromiyaa Obbo Habtaamuu kaasaa Mootummaan dinagdee walitti fufinsa qabu ijaaraa jiraachuu himan.akkasumas riformii dinagdee gochuun barbaachisaa akka ta'uuf Leenjiin murteessaa akka ta'e  himan.addunyaan teknoloojjiitiin socho'aa jirti waanta'eef daldalaa dorgomaa  ta'uudhaaf Leenjiin interpirenershiippii Isa hangafaa akka ta'e ibsaniiru. 

Itti gaafatamaan Waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa magaalaa Adaamaa Obbo Abdulqaadir Xayyibuu Kaayyoon leenjichaa interpiruuneroota horachuuf akka ta'e  ibsan. Leenjiin kennamu dandeetti daldaltootaaf cimsuu akka ta'e himuun innis guyyoota sadiif kan kennamuu fi namoota  dhibba shanii fi shantamaa  ol kan hirmaachise ta'uu himan. 

Hirmaattonni leenjichaa tokko tokkos leenjiin interpiruunershiippii barbaachisaadha jedhan.kana malees leenjicha irraa ogummaa addaa argachuu akka danda'an akeekaniiru.


News Image 1
News Image 2
News Image 3