Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-24
#Tokkummaa Yaadaafi Gochaa Qabaachuun Mul'ata Milkeessuu Qabna.(Kantibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee)

Hoggansi Magaalaa Adaamaafi Kutaalee Magaalaa Raawwii Hojii  Ji'a Gannaa Magaalaatti Raawwataman Gamaggame.

Gamaggama hojii taasisuun kallattii kan Kennan Kantibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee yaada kennaniin Karoora akka Magaalaa Adaamaatti qabame milkeessuuf hoggansi,ogeessiifi jiraatan Magaalaa hundi yaadama magaalomsuu sirritti hubachuun Sirna jireenyaa ,aadaa hojii,ogummaa gara garaa horachuu, tokkummaa yaadaafi gochaa qabaachuun mul'ata milkeessuu akka barbaachisuufi galma irratti hubannaa ifa ta'e qabaachuu, hojii hunda walqixaan itti fufiinsaan hojjechuu,qindoomina qabaachuu, hojii  hojjetamuun kallattii gara garaatiin jijjiirama fidaa deemuu,hojiidhaan dhiibbaa uumuu,humna hojjetu hunda hojii hundaan sochoosuu barbaachisa jedhaniiru.

Dabalataanis Karoorsuun mul'ataafi beekumsa qabaachuu,tokko tokkoof humna akkaataa ta'uun tartiibessuu,Karoora of danda'uurratti waliigaluu, wal ijaaruu, beekumsa jiran walitti fiduu,nama gochaa baay'isuufi yaa'insa kanaan madaaluun milkaa'ina fiduufi Fedhiin jijjiiramaa jiru guddaa waan ta'eef qormaata xixiqqaadhaan osoo hin qabamin hojii of harka bulchuu dhiisuun cichoominaan hojjechuun Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuun carraa Magaalaa sadarkaa olaanaatti siqsuun jiruuf jireenya ummataa jijjiiruu qabna jechuun kallattii kaayaniiru.


News Image 1
News Image 2
News Image 3