Loading...
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee Adaamaa giddu gala industirii gochuuf investaroota hojii keessa jiran deeggaruu, invastimantii haaraa simachuu fi industirii godoo babal'isuuf hojjechaa jirra jechuun rakkoo invastimantii magaalaa keenyaa hiikuun omishtummaa guddisuu fi warreen haaraa lafa fudhatanii osoo hin misoomsin hafan yeroo gabaabaa keessatti maashinoota galchuun hojii akka eegalan deeggarsaa fi hordoffii walirraa hin cinne kan taasisanii fi warreen lnvastimantiin fudhatanii kaayyoo yaadameef osoo hin oolchin mana kuusaaf kireessanirratti tarkaanfii kan fudhatan ta'uu dhaamaniiru.
I/G Waajjira Invastimantiif Industirii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Aadde Asiyaa Issaa akka magaalaatti dhaabbileen invastimantii 1500 ol seektara garagaraarratti babba'anii hojjechaa jiraachuu ibsanii kanneen omisha eegalan akka omishtummaasaanii guddisanii fi kanneen hojii qabatamaatti hin galle deeggarsaaf hordoffii walirraa hin cinne taaasisaa jirra jedhaniiru.