Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-20
Waajjirri Aadaafi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Ogeeyyii Waajjiraa,Abbootii Gadaa,,Haadholii Siinqeefi Qaamolee Qoodafudhattoota Gara Garaa Waliin Mana Barumsa Ifa Boruutti Biqiltuu Dhaaban.

Biqiltuu dhaabuun madaala uumamaa tiksuun rakkoo jijjiirama qilleensaa addunyaa qoraa jiruuf furmaata Waaraa waan ta'eef kallattii mootummaan kennu hordofuun akka Magaalaa Adaamaatti Karoora Magaalaa Adaamaa Magariisa taasisuufi bosoneessuun qabame milkeessuuf Biqiltuu dhaabuun gahee isaanii bahuu ibsaniiru.

Hojii Akka magaalaatti Sagantaa ashaaraa magariisatiin kanaan dura hojjetameen miidhagina magaalaa dabaluurra darbee carraa hojii uumuun madaala uumamaa tiksuufi madda nyaataa ta'uun bu'aa guddaa waan fideef Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane kunuunsuun faayidaa barbaadamuuf dhaqqabsiisuun irraa fayyadamuu akka barbaachisu kan kaasan Itti Gaafatamaa Waajjira Aadaafi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Caalchisaa Magarsaati.

News Image 1
News Image 2
News Image 3