Loading...
Mootummaan guyyoota Qaammee ergaawwan olka'iinsa biyyaa dhugoomsan itti moggaasuun ummata keessatti kaka'umsa uumuun bara haaraatti akka of qopheessaan taasisaa tureera. Bara kanas Qaammee -1 guyyaa oomishtimmaa sababeeffachuun akka Magaalaa Adaamaatti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwachuun yaadatameera.
Magaalichatti Lafa qonnaaf oolurratti mala tekinoooloojii qonna qindaawaa gargaaramuun lafa xiqqarratti oomisha olaanaafi bu'a-qabeessa ta'e misooma beeyladaa, lukkuu, qurxummii, muduraaleefi biqiltuuwwan gosa adda addaa qopheessuun irraa fayyadamurra darbanii madda dingdee taasifachaa jiru.
Daawwannaa har'aatiin Qonna Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Bokkuu Shananitti hojiiwwan misooma muduraa muziifi paappayyee kilaastaraan misoomsuun fayyadamoo ta'an daawwatameera.
Daawwannicharratti Hoggansi Biiroolee Qonna Oromiyaa Manaajimentii isaanii waliin akkasumas Kantibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee dabalatee Hoggansi Magaalaa Adaamaa argamuun daawwataniiru.