Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-10
Kan Har'a Gargaaramu Boru Gargaaraa Ta'uu Qaba.(Obbo Bariisoo Doorii Itti Gaafatamaa Waajjira Kantibaa Magaalaa Adaamaa)

Dhaabbanni Tola Ooltummaa Wuddaasee Jedhamu Dubartootaafi Dargaggoota Daandirratti Jireenya Rakkisaa Keessa Jiraatan 250'f Maaddii Qoode.

Sagantaa qooddii maaddiirratti kan argaman Itti Gaafatamaa Waajjira Kantibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii dhaamsa dabarsaniin bu'aa ce'iin jireenyaa jiraatus of jijjiiruuf tattaaffachuufi hojjechuun jireenya gadadoo keessaa bahuuf abdii qabaachuufi kutannoo kan barbaachisu ta'uu eeruun Daandiin rakkina keessaa bahan hedduutu Jira waan ta'eef Dargaggoofi dubartoonnis Jijjiiramuuf araada gara garaarraa of eeguun fayyaa ta'anii gurmaa'uun hojii xinnaarraa ka'uun waan danda'an hojjechuun rakkoo keessaa ba'uu qabu jedhaniiru.

Itti Gaafatamaa Waajjira Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafi Moosisaa gamasaaniin namni walqixa ta'ee dhalatee sababa adda addaatiin rakkoodhaaf kan saaxilamuufi Dhaabbanni Tola Ooltummaa Wuddaasee dargaggootafi Dubartoota daandirratti jireenya rakkisaa jiraatan bara haaraarratti gammachiisuuf nyaata qooduu galateeffachuun dubartoonnifi Dargaggoonni hojjetanii jijjiirama biyyaaf fiduu danda'an humna misoomaa ta'anii osoo jiran rakkoo jireenya hawaasummaatiin saaxilamanii oolmaafi bultii isaanii daandiirra taasifachuun kadhachuu akka hin qabne kaasuun walitti qabuun mari'achiisuufi leenjisuun kadhaafi daandirraa baasuun gara misoomatti deebisuun jiruuf jireenya isaanii jijjiiruun biyyaaf akka bu'aa buusan gochuu qabna jedhaniiru.

Bulchaan Aanaa Barreechaa Obbo Dinquu Sabbooqaa yaada kennaniin Lammii lammiidhaaf Jira jechuun Dhaabbanni Tola Ooltummaa Wuddaasee waan qaburraa qooduun ayyaana sababeeffachuun dubartootaafi dargaggoota sababa adda addaatiin maatii isaanirraa ba'uun daandirratti jireenya rakkisaa jiraatan walitti qabuun maaddii qooduun waan guddaa ta'uu ibsuun Dargaggoonni humna oomisha biyyaa waan ta'aniif xiin-sammuu isaaniirratti hojjechuun gara maatii isaaniitti deebisuufi fuulduraaf humna jijjiiramaa taasisuuf dhaabbaticha waliin kan hojjetan ta'uu eeraniiru.

Walitti Qabduun Boordii Dhaabbatichaa Aadde Azeb Maaruu ergaa dabarsaniin Dhaabbanni Tola Ooltummaa Wuddaasee hundeeffamee erga hojii jalqabee Waggaa torba ga'uufi hojicha kan hojjetan namoota fedha gaarii qabaniifi abbaa manaa isaanii waliin ta'uun nyaata nyaachisuufi yeroo dhibaman yaalchisuun hojiilee tajaajila lammummaa hojjechaa jiraachuu kaasuun namoonni kun hojjetanii Jijjiiramuuf carraa qabu waan ta'eef barumsaafi leenjii kennuun gara jireenya caalutti fiduu barbaachisa jedhaniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3