Loading...
Leenjicharratti hojjettoonni waajjirichaa sadarkaan jiran,hooggansi aanaa fi miseensonni afooshaalee magaalichaa hirmaataniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Galmeessa Siiviilii Magaalaa Adaamaa obbo Siyyuum Hayiluu ragaa bu'uraa ammayyeessuun yaadama 'Smart Adama' dhugoomsuu keessatti shoora ol'aanaa qaba jedhan.
Galmeessa fi qabiinsa ragaalee dhaqqabamaa fi haqa qabeessa taasisuuf tumsi qaama hundaa murteessaa ta'uu himanii magaalaa jiraattonni ishee ragaa ammayyaa'e fi guutuu ta'e qabdu uumuuf qooda fudhattoonni leenjichaa gahee irra eegamu bahachuu akka qaban dhaamaniiru.
Dura ta'aan Gamtaa Afooshaalee Magaalaa Adaamaa obbo Taganee Zawudee akka magaalichaatti afooshaalee bu'uraa 400 ol jiraachuu kaasanii jiruu fi jireenya hawaasaa keessatti taateewwan adda adda yoo muudatan deeggarsa barbaachisu taasisuun aadaa fi duudhaa walgargarsaa itti fufsiisaa akka jiru ibsaniiru Xumura irratti waajjirri galmeessa siivilii ,Waajjirri dhimma hojjetaa fi hawaasummaa fi Gamtaan afooshaalee magaalichaa waliigaltee hojii gar-sadee mallatteessaniiru.