Loading...
Talaalliin yeroo ammaa kennamaa jiru kun dhukkuba gogaa horii gaanfaa qabuu danda'an dursanii ittisuuf,akkasumas beeyladootarraa dhukkuba ittisuun fayyummaa isaanii eeguudhaan oomishtummaan isaanii akka dabalu taasisuuf xiyyeeffanaan hojjeetamaa jira.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Kutaa Magaalaa Boolee obbo Amantee Addunyaa talaallii kennamaa jiru ilaalchiisee akka jedhanitti,Mootummaan qonnan bulaa fayyadamaa taasisuuf inisheetivii misooma beeyladaaf xiyyeeffannaa kennee hojjachaa akka jiru ibsan.
kanaan boodas, beeyladootaa kunuunsuun ummanni bu'aa beeyladotarraa argaman irraa fayyadamaa akka ta'aniif kan hojjatamuu ta'a kan jedhan obbo Amanteen,hawaasni gama isaniin beeyladootarratti mallattoolee adda addaa arginaan oggeeyyiiwwaan
fayyaa beeyladoota kutaa magaalichaaf eeruu kennuun akka yaalamaan gochuuti irraa eegamaa jedhu.
Kutaa Magaalaa Booleetti oggeessa fayyaa beeyiladootaa Obbo Dabalee Dinquu gama isaaniin akka jedhaniitti,waggaa waggaan akka kutaa magaalaa Booleetti beeyladootaaf talaalliiwwaan gosa adda addaa kennaamaa akka turame yaadachiisuun,yeroo ammaas talaallii gosa 'A' dhukkuba vaayurasiin dhufuu danda'u ittisuuf kennaamaa jira jedhu.
Talaalliin kennamaa jiru kun horii aannaniifi furdisaaf kan kennamuudhaa kan jedhan obbo Dabaleen,talaaliin kennamaa jiru kun miidhaa homaatuu kan hin qabne waan ta'eef,hawaasni qixa kanaan beeyladoota talaalchiisuutu irraa eggamaa jedhu.