Loading...
Waliigalticha hoggantoonni seektaraalee magaalichaa fi hojii raawwachistoonni kutaawwan magaalaa mallatteessaniiru.
Hojii Gaggeessaan Waajjira Galii Magaalaa Adaamaa Obbo Balaachoo Asaffaa kaayyoon waliigaltichaa karoora sassaabbii galii bara bajata 2019tti magaalichi qabate harcaatii malee walitti qabuu fi bulchuuf jedhan.
Galiin gaaffii hawaasni magaalichaa gaafatu karaa guutuu ta'een deebisuuf tumsa ol'aanaa qaba kan jedhan Obbo Balaachoon Seektaronni milkaa'ina karoorichaatiif caasaa isaanii sadarkaan jiran waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Itti aanaan kantibaa fi Itti gaafatamaan damee diinagdee magaalaa Adaamaa Dr Maatiwoos Sabboqaa hooggantonni madda galii kutaa magaalaa fi aanaa isaanii keessa jiru beekanii seera fi hojimaata irratti hundaa'uun karoora sassaabbii galii magaalichaa galmaan gahuuf abbummaan hojjechuutu irraa eegama jedhan.